Wantoota ganama raawwannu keessaa maaltu badaadha?

Finfinnee, Amajjii 1,2009(FBC) - Hedduun keenya miirri ganamaa dhiibbaa oolmaa guyyaarratti qabu hin hubannu.

Haata’u malee, waantonni yeroo mara ganama ganama raawwannu guyyaa keenya guutuusaa ifaa akka hin-taane gochuuf human qabu.

Amaloonni gaarii hin-taane ganama ganama raawwannus baramaa deemanii jireenya keenya irratti dhibbaa mataa isaanii uumu.

Itti aansuun dogoggoroota shan ganama ganama yeroo maraa raawwannu ilaalla.

1. Miira gaarii hin-taaneen irribaa ka’uu

Al tokko tokko sagalee nama jeequun yookiin haala mijataa hin-ta’iniin irribaa ka’uu hambisuun hin-danda’amu.

Namoonni rakkoo ganamaan dammaquu qaban bilbila nama dammaqsu fayyadamuunsaanii furmaata akka hin-taane himama.

Sagaleen nama jeequ kun miira ganamaa dukkaneessuu danda’a.

Irribaa erga dammaqanii booda sireerra gagalagaluu manna ka’uun miirri gaariin akka nutti dhaga’amu akka godhudha kan himamu.

Namoonni bilbiloota sagalee qabaniin yeroo malee dammaqan muuziqaa jaallatan dhaggeeffataa irriba gabaabaa yookaan ‘naappii’ fudhachuun miira kana keessaa ba’uuf isaan gargaara.

2. Jarjaruu

Ganamaan waa’ee jireenya keenya guyyaa jarjaruun sammuun keenya hojilee guyyicha keessatti hojjatu sirriitti akka hin-hojjenne godha.
Kanaafis samuun keenya hojilee salphaa fi yeroo fudhatan irratti qofa xiyyeeffata.

Kanaafis gara hojiitti qajeeluu keenyaan dura daqiiqaa 30 dura sireerraa ka’uun qophaa’uun waantota oolmaa keenyatti raawwannu bifa gaariin akka xumurru gargaara.

3. Ciree Utaaluu

Kun yeroo baay’ee kan mudatu yeroo jarjarru yoo ta’u, namoonni tokko tokko sababoota gara-garaan ciree hin-nyaatani.

Faayidaa ciree hubachuu dhabiisaanii fi ulfaatina qaamaa hir’isuu sababa jedhuun namoonni tokko tokko ganamaan shaayii fi buna dhuguu gahaa taasisanii fudhatu.

Bunni hangam amala nama dadammaqsuu haa qabaatuyyuu malee qaami keenya hanga barbaadu humna akka argattu hin-dandeessisu.

Kanaafis kuduraawwan, nyaatawwan Kaartboohaayidireetii fi Pirootiinii qaban ganamaan fudhachuun guyyaa gaarii akka qabaannu akkasumas hojii keenyaan akka milkoofnu gargaara.

4. Kallattiin hojiitti seenuu

Baay’een keenya hojii erga dhaqneen booda yookiin irribaa erga kaaneen booda jalqabatti kan raawwannu ergaawwan ergaman ilaaluu, maamiltoota keenyaa bilbila bilbiluu yookaan hojiilee guyyaa sanaan dura hojjataman keessatti qaawwaalee mul’atan guutuuf fiiguudha.

Ganamaan kallattiidhaan ofii keenya hojiitti bobbaasuun gaarii ta’us, yeroo itti tasgabboofnu , of ilaallu waan hin-qabaanneef milkaa’ina yeroo dheeraa keenyaa irratti dhiibbaa mataa isaa uuma.

Ganama kallattiin hojiitti osoo hin-seenin dura ofii keenya yeroo itti-dhaggeeffannu yookiin sochiidhaanis ta’e kaaniin ofii keenya kan itti boqochiifnu yeroo ofii kennuun barbaachisaadha.

Kunis hojii keenya xiyyeeffannoo fi si’aa’ina guutuun raawwachuuf nu gargaara.

5. Hojiiwwan ciccimoo tursuu

Ganamaan hojii tokko wayita jalqabnu dhumaarratti hojjachuu kan feenu isa rakkisaadha.

Haata’u malee ganamaan hojilee bay’ee ciccimoodha jennu hojjachuun hojilee kaan guyyaa guutuu si’a’ina fi cimina guutuun akka hojjannu gargaara.

Tokkoon tokkoon keenya yeroo mara ganama gaarii qabaanna jechuun hin-danda’amu. Hundi keenya amaloota gaarii hin-taane ganamaa wal-fakkaataa qabna jechuus miti.

Haata’u malee hundi keenya guyyaa gaarii akka qabaannu miirri keenya ganamaa murteessaa waan ta’eef ganama keenya amaloota asiin olitti tarreeffaman irraa of qusachuun yoo jalqabne jireenya keenyatti milkaa’oo ta’uu nidandeenya.

Amaloota gaarii hin-taane asiin olitti eeraman balleessuuf rakkisaa ta’us abdii kutachuu manna kallattiiwwan furmaataa gara-garaa kaa’uun irra deddeebi’uun yaaluun bu’aa gaarii argamsiisa.

Madda: http://time.com/