Lakkoofsi namoota dhiibbaa dhiigaa cimaaf saaxilaman dabalaa jira –qorannoo

Finfinnee, Amajjii 3,2009(FBC) – Qorannoon tibbana addunyaarratti gaggeeffame akka muul’isutti lakkoofsi namoota dhiibbaa dhiigaa cimaaf saaxilaman dabalaa akka jiru muul’isa.

Sadarkaa idil addunyaatti namoota miiliyoona 9rratti gaggeeffame. Qorannichis bara 1990 amma 2015tti lakkoofsi namoota dhiibbaa dhiigaaf saaxilaman ammam dabaleera kan jedhu ilaale.

Haaluma kanaan yeroo ammaa namoonni meeqa dhibichaaf akka saaxilaman adda ba’eera.

Yuunvarsiitii Waashiingitanitti hogganaan garee qorannichaa Kristoofar Muureey akka jedhanitti yeroo ammaa addunyaarratti namoonni biiliyoonni 3.5 dhiibbaa dhiigaa cimaaf saaxilamaniiru.

Qorannichaan akka adda ba’etti taanan dhiibbaan dhiigaa cimaan du’aa fi qaama miidhamaaf sababa ta’aa jira.

Dhiibbaan dhiigaa kunis bifa lamaan safarama. Inni duraa kan olaanu yookin saayistooliik yoo ta’u, inni kun dhiigni onnee keenyaa yeroo ba’u hidda dhiigaa keessatti ammeentaa dhiigaa safara.

Inni lammataammoo lakkoofsa gadaanu kan jedhamu yammuu ta’u, diyaastooliik jedhama.

Kun ammoo dhiibbaa; dhiigaa fi dhahannaa onnee jidduu jiru safara.

Dhiibbaan dhiigaa kunis meerkuurii miilii meetiraan(mm Hg) safarama.

Akka qorattootaatti dhiibbaan dhiigaa saayitooliikii kan idilee ; 120/80 ta’ullee saaxilamummaan istirookii fi dhibee onnee ni dabala.

Qorannichaanis dhiibbaan dhiigaa saayitooliikii 110 amma 115 yeroo ta’u, daballii muraasa argisiisera kan jedhamu yammuu ta’u, ammeentaan saayitooliikii 140tti ol guddannaan garuu dhiibbaa dhiigaa cimaa waan ta’uuf of dagachuun hin barbaachisu.

Kiristoofar Muuray akka jedhanitti dhiibbaan dhiigaa cimaan akka uumamuuf sababii kan ta’an nyaata fudhannuu fi furdina garmalee ta’uun qorannichaan irra ga’ameera.

Dabalataan ammoo biyyoonni guddinarra jiran jireenya magaalaa yammuu baran sochii qaamaa waan hin taasisneef rakkinichaaf saaxilamoo ta’aa dhufaniiru jedhame.

Lakkoofsi namoota dhibee dhiibbaa dhiigaaf saaxilamaa jiraniis gar malee dabalaa jira jedha qorannoon gaggeeffame.

Furmaannisaammoo haala jireenyaa jijjiirrachuu fi yaala argachuu akka ta’e himameera.

Maddi: www.upi.com/Health