Baalli maangoo dhibee sukkaaraa too’achuuf

Finfinnee, Bitootessa 8, 2009 (FBC) -Dhibeen Sukkaaraa hammi sukkaaraa dhiiga keenya keessa jiru ol yeroo ka’u kan mudatudha.

Dhibeen sukkaaraa baay’inaan rajiijni insuliinii oomishuu wayita dhaabu kan mudatu yoo ta’u, akkasumas qaami keenya insulinii sirriitti fayyadamuu yeroo dhaabu mudachuu danda’a.

  • Dhibee sukkaaraan
  • Agartuu ijaa dadhabe
  • Miira dadhabbii
  • Dhibee kalee
  • Dhiibbaa dhiigaa olaanaa miidhama narvii
  • Dhiirota irratti fedhiin saal-quunamtii raawwachuuf qaban ka’uu dhiisuun mudachuu danda’a jedhameera.

Hanga yoonaa dawaan dhibee sukkaaraa guutumaan guutuutti fayyisu kan hin-argamneef ta’us, haala jireenyaa jijjiiruun qofa garuu jijjiirama guddaa fiduun akka danda’amu himama.

Dawaawwan dhibee sukkaaraa too’achuuf kennaman baay’inaan faayidaarra oolaa kan jiran yoo ta’u, dhibamtoonni dawwaawwan kanneniin jireenya sirrii akka jiraatan isaan dandeessisa amantaa jedhutu jira.

Haata’u malee tokko tokkoof gatiin dawaa mi’aa ta’ee wayita rakkatan mul’ata.

Wayita kanas waanta uumamni nu kennite fayyadamuun sukkaara dhiiga keenya keessa jiru too’achuu kan dandeenyu yoo ta’u, kanneen keessaa tokko baala maangooti.

Baalli Maangoo dhibamtoota sukkaaraa bifa kamiin gargaara?

Baalli maangoo bara duriidhaa jalqabee Chaayinoota biratti dhibee Asmii fi sukkaaraa wal’aanuuf faayidaarra oolaa akka ture ragaaleen nimul’isu.

Baalichi mallattoolee dhibee ittisuuf kan gargaaru qabiyyee ‘Aktiiv Kompaawond’ jedhamaniin kan guutame ta’uusaatu himama.

Qabiyyeewwan baala maangoo keessatti argaman keessaas;

  • Asiida Kaafiik
  • Maangafariin
  • Filaavinooyidis
  • Gaalik Asiid keessatti argamu.

Qabiyyeewwan armaan olitti tarreeffaman baalli maangoo dhibee sukkaaraa wal’aanuuf akka gargaaru kan taasisan ta’uusaaniitu himama.

Qabiyyeewwan kunniin dhibee sukkaaraa wal’aanuun garasitti waantota summa’oo qaama keenya keessa jiran dhabamsiisuuf kan gargaaran yoo ta’u, salphaatti alarjiif akka hin-saaxilamnes gargaara jedhameera.

Baalli Maangoo dhibamtoota sukkaaraaf faayidaa inni kennu,

Hamma sukkaaraa dhiiga keessa jiruu too’achuu,

Karaa dhibee sukkaaraa itti too’annu keessaa tokko hamma sukkaaraa dhiiga keessa jiruu too’achuudha.

Baalli maangoo qaami keenya humna insuliinii oomishuu fi tatamsa’ina giluukoosii qaama keenyaa akka dabalu kan taasisu yoo ta’u, kun ammoo hamma sukkaaraa dhiiga keenya keessa jiru too’achuuf gargaara jedhameera.

Hamma Kooleestiroolii too’achuuf;

Dhibamaa dhibee sukkaaraa yoo taane hammi koolestiroolii olaanaa qaama keenya keessa jiru fayyaa onnee keenya irratti miidhaa cimaa qaqqabsiisuu danda’a.

Haata’u malee, baalli maangoo Peestaniin, Vitaamina C fi Faayibariin kan badhaadhe waan ta’eef hamma kolestiroolii guddaa hir’isuuf gargaara.

Dhukkuba ijaa sababa Dhibee Sukkaaraan dhufu,

Baalli maangoo Vitaamina An kan badhaadhe waan ta’eef faayidaan inni fayyaa ijaaf laatu olaanaa ta’uu himameera.

Kana malees, baalli maangoo mallattoo dhibee sukkaaraa kan ta’an sa’aatii irribaatti dafanii dafanii fincaa’uu, hir’isuu ulfina qaamaa gar-malee fi rakkoo argaan ijaa jeeqamuu hir’isuuf gargaara jedhameera.

Baala maangoo kana akkamitti fayyadamuu qabna?

Baala muka maangoo irraa cite 10 hanga 15 qopheessuu

Bishaan danfisuu, baala maangoo kana bishaan danfaa kana keessa buusuun wal-faana akka danfu gochuu

Ganama irribaa akka kaanetti nyaata biraas haata’u dhugaatii fudhachuu keenyaan dura shaayii baala maangoo dhuguu

Kana ji’oota lamaa hanga sadiitti osoo addaan hin-kutin hojii guyya guyyaa keenya keessaa tokko gochuun salphaatti dhibee sukkaaraa too’achuu dandeenya jedhameera.

Madda: www.stethnews.com