Maaltu lapheerra nama guba?

Finfinnee, Bitootessa 8,2009(FBC) - Gubaan laphee maalirraa nama qaba? yaallisaahoo?

Gubaa fi miirri gaarii hin taane naannoo lapheetti(heart burn) namati dhaga'amu, namoota baay'ee irratti mulla'ata. Gubaan kun yeroo baay'ee erga waa nyaatani kan nama eegalu yoo ta'u halkanis haalli nama eegalu jira. Gubaan laphee yoo ciisanii fi dugdaan gadi jedhan namati hammaata. 

Sababii 
Qaamni sirna bulla'insa nyaataa kan ta'e liqimsituun(esophagus) nyaata afaanii gara garaachaati dabarsuuf oola. Liqimsituu fi garaacha jidduuti maashaan 'esophageal esphincter' jedhmutu jira. Maashaan kun nyaatni gara garaachaati erga darbee kottonfachuun nyaata fi asiidiin garaachaa gara liqimsituuti akka ol hin deebine dhoorka.

Sababa adda addaatiin maashaan kun yogguu laafu ykn dhiibbaan asiidii garaachaa gara liqimsituutti ol deebisu yoo dabale asiidiin liqimsituuti ol deebi'e baqqaana liqimsituu miidhuun miiri dhukkubbii ykn gubaa naannoo lapheeti nutti dhaga'muuf sababa ta'a.

Saaxilama 

* Gosti nyaataa fi dhugaatii tokko tokko gubaa laphee nutti kaasu.

√ nyaata mi'eessituun itti baay'ate
√ Qullubii,barbaree
√ Loomii, burtukaana,timaatima...
√ nyaata coomaa /fatty or fried foods/
√ Alkoolii, karameellaa, chokoleetii, bunaa fi dhugaatiwwan lallafaa

* Furdinni garmalee fi nyaata humnaa ol nyaachunis gubaa lapheef nama saaxilu
* Dubartiin ulfaas gubaa lapheen rakkachuu dandeessi.

Fala  
* Gubaan laphee rakkoo fayyaa hagas mara cimaa ta'ee miti. Wantoota sababa ta'an tokko tokko sirreessuun ogasuma fooyyee argachuun ni danda'ama.

√ nyaata nutti kaasan irraa of qusachuu
√ nyaata sooratanii ciisuu/rafuun dura yoo xiqqaate sa'aatii 2 turuun barbaachisaadha
√ uffatni naannoo garaa keenya nu dhiphise yoo ta'e furuu barbaachisa.
√ Tamboo xuuxuu dhiisuu
√ Hirriba dura kan nu eegale yoo ta'e mataa siree ol kaasudhaan ciisuu/boraatii dabalataa fayyadamunis gaaridha/
√ Soodaa/baking soda/ falla'ana tokko bishaan kubbaayyaa tokkotti dabaluun dhuguu,bishaan baay'inaan dhuguu,

√Maastikaa(hancaqqee) alanfachuu, muuzii/apilii nyaachuu fi shaayii jinjibila qabu(qishira) dhuguun faanti gubaa laphee ni wayyeessa.
√ Warri garmalee furdaa taatan waliigala fayyaa keessaniif furdina hir'isuu qabdu.
√ Qorichi dhukkuba garaachaa nuuf kenname yoo jiraate haalaan fudhachuu.
√ Aarii fi dhiphachuun rakkoo kana waan namati cimsuuf miira ofii too'achuu

** Gubaan laphee haala aramaan oliin kan nama hin dhiisne, kan namati deddebi'uu fi hojii keenya irratti dhiibaa kan geessisu yoo ta'e rakkoo cimaa ta'uu waan danda'uuf gara mana yaalaa deemuun ilaalamuu.

** Gubaan laphee mallattoo dhukkuba onneetiin waan waliti dhiyaatuuf namni dabalataan mallattoon akka hafuura kutaa, dadhabbii cimaa fi dafqi garmalee faanti irratti mulla'ate dafee gara mana yaalaa deemuu qaba.

Maddi; "myoclinic" fi Dooktar Yoonaa