Gifira

Finfinnee, Bitootessa 11,2009(FBC) –Gifirri yookin shifoon(measles) maalin nama qaba?

Maalummaa gifiraa;

Dhukkubni gifiraa vaayirasii ‘measles’ jedhamuun kan dhufu ta’ee, dhukkuboota talaalliidhaan ittisuun danda’amu keessaa tokkodha.

Dhukkubni kun baay’ee daddarboo fi miidhaa garaagaraa kan akka qaroo ijaa balleessuu; kanarras darbee lubbuu galaafachuu kan danda’udha.

Akkaataa daddarbasaa;

Namni dhukkuba kanaan qabame yeroo qufa’u, tiifuu xixiqqoo vaayirasii kana of keessaa qabdu gara qilleensaatti facaasa.

Yeroo kana namni fayyaan vaayirasii kana qilleensaa wajjin gara keessaatti ol fudhata.

Mallattoo;

  • Ho’ina qaamaa ol’aanaa,
  • Diimachuu ijaa fi yeroo tokko tokko immoo ifa guddaa ilaaluu sodaachuu,
  • Dhangala’oon akka bishaanii funyaaniin bahuu,
  • Qufaa,

Erga mallattooleen armaan olii guyya sadiif irra turanii booda, gifirri ykn shifoon gogaa naannoo ededa rifeensa mataa jalaa jalqabee, gurra lamaan duubaan, morma jalaan, laphee fi garaa irratti akkasumas gogaa miilaa fi harkaa dabaree dabareedhaan waliin gahaa adeema.

Osoo hin yaalamin yoo ture, kutaa qaamaa miidhame irratti hundaa’uudhaan mallattoolee garaagaraa agarsiisuu danda’a. Fakkeenyaaf qufaa cimaa yeroo dheeraa, dhukkubbii laphee, hafuura kutuu, garaa kaasaa fi haqqee, madaahuu afaanii, mataa bowwoo, gaggabdoo fi kkf.

Saaxilama;

  • Dhukkubni kun daa’imman umurii waggaa shanii gadii heddumminan miidha,
  • Daa’imman talaalli dhukkuba kanaa hin fudhanne,
  • Walitti baay’atanii jiraachuu fakkeenyaaf maatii bal’aa, mana sirreessaa, doormii barattootaa fi kkf,
  • Hanqina nyaataa,
  • Dandeettiin dhukkuba damdamachuu qaamaa gadi bu’uu; fakkeenyaaf namoota dhukkuba HIV’n qabaman.

Talaalliin yoom laatama?

Talaalliin dhukkuba kana ittisuuf kennamu akka biyya keenyaatti yeroo lama kennama.

Inni duraa umurii ji’a sagaliitti yoo ta’u, kan kennamus buufata fayyaa mootummaa tajaajila talaallii kana kennan hunda keessattidha.

Inni lammaffaan ammoo barbaachisummaa isaarratti hundaa’uudhaan weerara dhukkuba kanaa hambisuuf kan kennamudha. Kunis daa'imman umuriin waggaa shanii fi kudha shan gidduu jiraniif kennama.

Ittisa;

Talaallii dhukkuba kanaaf kennamu yeroon fudhachuu,

Nyaata madaalamaa soorachuu,

Namni dhukkuba kanaan qabame osoo gifirri gogaa isaatti hin bahiin guyya sadiif, erga gifirri itti bahee ammoo guyyaa afuriif walumaa galatti torbee tokkoof nama fayyaatti dhukkuba kana daddabarsuu danda’a. Kanaafuu yoo danda’ame yeroo kanatti nama dhukkuba kanaan qabame irraa fagaachuun gaariidha.

Gargaarsa;

Dhukkubni kun kallattiidhaan kan qorichaan yaalamu osoo hin taane, mallattoolee mul’atan yaaluun gahaadha.

Isaanis:

  • Hoo’ina qaamaaf ‘paracetamol’ fudhachuu,
  • Dhangala’oo kan akka bishaan qulqulluu, lallaafaa fi juusii adda addaa haalaan fayyadamuu qabu,
  • Namoota mallattoolee ijaa qabaniif ammoo vitaaminii A fi qoricha ijatti dibatan ykn cobsan fudhachuun murteessaadha.
  • Madaahuu afaaniif jiivii”GV” dibachuu,
  • Waan hunda caalaa ammoo yeroodhaan mana yaalaa dhaquun yaalamuun barbaachisaadha.

Maddi; Dooktar Hiikaa fi “Nelson text book of pediatrics,17th edition, and Pocket book of pediatric hospital care_Ethiopia, 2010”