Dulluma qaamaa ittisuuf !

Finfinnee, Bitootessa 11, 2009 (FBC) Qaamaanis ta’e hafuuraan dargaggoo ta’anii turuunifi dafanii dulloomuu dhiisuun filannoo namoota baay’ee akka ta’e himama.

Gama kanaan umuriin deemus qaamaanis ta’e sammuun dargaggeessa/ttii ta’anii mul’achuu fi turuuf, mala jireenyaa fayyaaf tolu hordofuun ala waanti addaa akka hin-jirre saayinbsiinsaa ni-ibsa.

Yuunivarsitii Ingilizii Duuk keessatti gargaaraa piroofeesara kan ta’an Hiitar Wiitsan ammoo qaamaanis ta’e gama sammuun dargaggeessa/ttii ta’anii turuuf kanneen asiin gadii akka raawwannu gorsu.

Sochii qaamaa : yeroo mara sochii ga’umsa qaamaa hojjachuuni fi sochii ispoortii hojjachuun qaamaanis ta’e sammuun dargaggeessa/tti ta’anii mul’achuuf murteessoo ta’uusaanii kaasu.

Sochii ga’umsa qaamaa hojjachuun qaama cimaa fi sirrii akka gonfannu dandeessisuusaan garasitti fayyaa sirreessuun bu’aa barbaadame argamsiisa jedhu.

Carraa dhibee onneef saaxilamuu hir’isuun, hirribi sirrii akka jiraatu gochuun, ga’umsa waa yaadachuuf, saaxilamummaa mukuu fi dadhabbii hir’isuuf, cimina lafeef fi tasa kan mudatan of wallaaluu fi kan fakkaatan hir’isuu dandeessisa.

Kun ta’uun ammoo qaamaanis ta’e sammuun dargaggeessa/ttii ta’anii itti-fufuuf isin gargaara jedhu.

Sirna nyaataa

Dhimmi isaan kaasan biraan ijaarsa qaamaafis ta’e sammuuf nyaata sirrii fayyaaf ta’u soorachuu akka barbaachisudha.

Kuduraa fi muduraa hoo’aa akkasumas midhaan dheedhii gara garaa nyaachuun qaamni keenya dafee akka hin-dulloomne gargaara.

Kana malees dhadhabuu fi dulloomuu qaama keenyaaf sababa kan ta’an kan akka dhibee onneefaa ittisuuf gargaara.

Nyaata zayitni itti-baay’ate hir’isuu: Nyaatawwan kan akka dhadhaa qaama keessatti kuufaman hir’isuunis yaada ogeettii kanaan dhihaate keessaati.

Isarra zayitiiwwan qulqulluu paalmii fi kuduraa nyaata bilcheessuuf fayyadamuun gaarii ta’uu kaasaniiru.

Qurxummii fi nyaatawwan hundee nyaachuu akka wayyuu fi  foon kan jaallannu yoo ta’e torbanitti si’a tokkoo ol osoo hin-nyaannu ta’ee gaarii akka ta’e gorsu.

Torbanitti si’a lama qurxummii fi bu’aawwan qurxummii nyaachuun foon bifa kanaan bakka buusuuf bu’aa gaarii qabaata.

Kana malees timaatima, kaarotii fi ‘shoorbaa’ dinnichaa bifa ittoon qopheessuun soorachuun kanaaf nu-gargaara kana raawwadhaa jechuun gorsu.

Kaan immoo mala jireenyaati, kanaan wal-qabtee malli jireenyaa hordofnu dhugaatii alkoolii fi amaloota badaa isa fakkaatan irraa bilisa ta’uu qaba jedhaniiru.

Guyya guyyaatti kan dhugnuu fi araada kan akka tamboo xuuxuu yoo qabaanne adeemsa yeroo keessa rakkoo hamaaf saaxilamuun keenya hin-hafu.

Kanaaf amaloota akkanaa adeemsaan dhaabuuf mala jireenyaa kana fakkaatu irraa fagaachuu nu barbaachisa.

Qofummaa: Baay’isanii qofaa ta’uun fi qofaa ofii dabarsuun yaaduu fi cinqamuu namatti fida.

Kun immoo adeemsa yeroo keessa mukuu fi dhiphina namatti fida, kun ta’uun jeeqamuu sammuu fi adeemsa keessa qaami akka dhadhabu godha.

Kanaaf hanga danda’amu nama irraa hin-fagaatinaa, maatii, michuu fi firoota akkasumas hiriyoota keessan waliin dabarsuu fi yaada wal-jijjijjiiruu cimsaa jedhu piroofeesarittiin.

Hanga danda’ametti qofaa akka hin-taane carraaquu fi namoota waliin yeroo dabrsuu baraa.

Rakkoowwan kana fakkaatan wayita isin quunnamanis gara ogeeyyii dhaquun yaada keessan hiruufiin gorsa irraa fudhachuun barbaachisaadha.

Yookaan gara dhabbata amantaa naannoo keessaniitti argamuu deemuun hariiroo cimsuu fi namoota waliin ta’uun gaarii ta’uu ibsu.

Gorsoota asiin olitti tarreeffaman hojiitti hiikuun rakkoo dullumaa dhiibbaa fi sababoota keessaa fi alaa kaaniin uumamu furuu nidandeessu jedhaniiru.

Madda: www.webmd.com