Hancaqqeen kaansariin qabamuuf dhiisuu adda baasu hojjatameera

Finfinnee, Ebila 10, 2009 (FBC) Namni tokko dhibee kaansariin qabamuusaa fi akka hin-qabamne baruuf qorannoo dhiigaa, fincaanii fi kaanii geggeessuunssaa dirqama.

Amma garuu kana kan hambisuu danda’u mala qorannoo haaraa irrattiu hundaa’e arganneerra jechaa jiru qorattoonni.

Malli isaanii haaraan kunis hancaqqee alanfatamu yoo ta’u, hancaqqeen kun kaansariin qabamuu fi qabamuu dhiisuu keenya salphaatti adda baasuu kan dandeessisudha jedhameera.

Hancaqqee kana wayita alanfannuttis hancaqqichi makaa keemikaalaa kaansariiwwan gara-garaan gadhiifaman hancufa keenya keessatti argamu (voolataayila) iddoo tokkotti xuuxee qabata.

Hancaqqeen kun daqiiqaa 15 erga alanfatamee booda keemikaalota kanneen of keessaa qabaachuu fi qabaachuu dhiisuunsaanii ni-ilaalama jedhameera.

Qorattoonni Ameerikaa Alaabaamaa jiran akka beeksisanitti, qorannoo kanaaf hancaqqeewwan gara-garaa hojjatamaniiru.

Hancaqqeewwan kunniinis kaansarii maru’ummaanii, sombaa fi harmaa dursanii adda baasuu kan dandeessisan ta’uudha kan himan.

Yaaliin wayita ammaa hancaqqeewwan kanneeniin taasifamaa jiru guutumaan guutuutti yoo milkaa’es qorannoowwan kana dura kaansarii qorachuuf geggeeffamaa turan dhiiga, fincaan fi qaamaa kaan hambisuu akka danda’u qorattoonni kunniin nihimu.

Hancaqqeen kun waggaa dhufu doktarootaa fi dhibamtoota bira akka qaqqabuuf kan hojjatan ta’uu kan beeksisan yoo ta’u, kaansariin ala kan akka TB fi dhibeewwan kaan ittiin adda baasuuf abdii godhataniiru.

Wayita ammaas dhamdhama hancaqqee kanaa irratti hojjataa akka jiran kan beeksisan qorattoonni kunniin, dhibamtoonni dhamdhamaa fi foolii hancaqqichaa akka jaallatanittis qabiyyeewwan akka itti makaman beeksisaniiru.

Madda: www.dailymail.co.uk