Waantota laguu ji’aa hambisan

Finfinnee, Adoolessa 05, 2009 (FBC) Laguun ji’aa hafuun dubartoota dhiphisuunsaa hin-hafu.

Baay’inaan ammoo kan hin-yaadamnee fi tasa yoo ta’e shakkii garaatti na hafeera jedhuun dhiphina uumuunsaa hin-hafu.

Ogeeyyiin wal’aansaa ammoo sababoota ijoo laguun itti hafu ni-eeru; isaanis:

Dhiphina: dubartoonni yeroo dheeraaf ni-dhiphatu yoo ta’e carraan jeeqamuu marsaa laguuf saaxilamuu isanii olaanaa ta’uu ogeeyyiin wal’aansaa nihimu.

Laguun wayita dhufutti yeroonsaa gabaabachuu yookiin dheerachuun fi dhukkubbiin dubartoota tokko tokko irratti mul’atu sababa dhiphinaan kan dhufanidha.

Miidhamtoonni rakkinichaa sochii ga’umsa qaamaa hojjachuu, waanta itti-dhiphatan maatiitti yookiin ogeessatti himuun mariisisuun dhiphina keessaa ba’uu fi furmaata barbaaduu qabu.

Ulfinni qaamaa hir’achuu: ulfinni qaamaa hir’achuun yookiin sochiin ga’umsa qaamaa cimaa marsaan laguu yeroonsaa akka jeeqamu sababa ta’uu ogeeyyiin ni-ibsu.

Ulfaatina qaamaan gadi ta’uu yookiin qaama keessa kuusaan zayitaa xiqqoo ta’uun dubartoota rakkoo kanaaf saaxila; hoormoonii hormaataa xiqqeessuun laguun akka hin uumamne godha.

Tarii ulfinni qaamaa keessanii hir’achuuf yoo saaxilamtan ogeessa fayyaa irraa gorsa fudhachuu qabdu.

Kanarraan kan hafe garuu nyaata vitaamina, albuuda fi qabiyyeewwan nyaataa gara-garaan badhaadhan soorachuu barbaachisa.

Furdina qaamaa gar malee: kunis akkuma ulfina qaamaa sirriin gadii marsaa laguu nijeeqa.

Mudannoon akkanaa al takka takka dubartoonni wal’aansa irra wayita jiran carraan itti-uumamuu danda’u waan jiruuf ogeessa fayyaa irraa gorsa fudhachuu barbaachisa.

Dawaalee qusannaa maatii: dawaaleen qusannaa maatii tokko tokko carraa rakkoo kanaaf nama saaxiliuu qabu.

Hanga danda’ametti dawaalee qusannaa maatii fudhachuu wayita barbaaddan ogeessa fayyaa mariisisuuni fi carraalee rakkoo fakkaataniif nama saaxilan hir’isuun ta’uu qaba.

Hoormoonii: akka ibsa ogeessotaatti hormoononni qaama keessatti argaman tokko tokko dubartoota rakkoo kanaaf saaxilu.

Hormoononni Piroolaaktiin fi Taayirooyid jedhaman ammoo gama kanaan ni-eeramu; wal-madaaluu dadhabuun hormonotaa kun ammoo qorannoo dhiigaan barama.

Mudannoowwan akkanaa wayita nu quunnamu kanneen armaan olitti tarreeffaman dabalatee sababoota kaan ta’uu waan danda’aniif gara dhaabbata fayyaa qajeeluun qorannoo geggeessuun barbaachisaadha.

Dabalataanis baay’achuun fi hir’achuun hormonii daa’imummaatti uumamu rakkoo kanaaf sababa waan ta’uuf ogeessa fayyaa mariisisuu hin-dagatinaa.

Garaatti nama hafuu (ulfa ta’uu) : dhimma baay’ee baramee fi dubartoonni hedduu fudhatanidha; laguun yeroo hafu mallattoo garaatti baachuu akka ta’etti fudhachuun.

Ogeeyyiin wal’aansaas laguun hafuusaaf yookiin turuusaaf mallattoon tokko kana ta’uudha kan ibsan.

Dawaa qusannaa maatii fudhachaas haata’u dubartiin tokko carraan akkanaa ishee mudachuu akka danda’u kaasu; sababni isaas haala guutuu ta’een dawaan ulfa ittisuu dandeessisu waan hin-jirreef.

Kanaaf laguun ji’aa yoo hafe yookiin yoo ture tarkaanfii jalqabaa ta’uu kan qabu ogeessa fayyaa mariisisuu fi qorannoo geggeessuudha.

Kana malees dubartiin tokko sababa umuriin da’uuu fi laguu arguu yeroo itti dhaabdu waggaa 10 dursee mudannoon akkanaa uumamuu akka danda’u ogeeyyiin ni-ibsu.

Kun ammoo mallattoo jeeqamuu hamma Istiroojiinii akka ta’e ogeeyyiin ni-ibsu.

Mudannoon kun waggaa tokkoof yoo itti-fufe yeroon da’uu itti dhaaban qaqqabuu baatus dubartii carraa kanaaf saaxilamte da’uu akka hin-dandeenye mul’isa.

Laguun yeroonsaa yoo dheeratee fi yoo hafe guyyaa isaa qabachuun yeroo dheeraa kan turu yoo ta’e gara dhaabbata wal’aansa fayyaa deemuun furmaata barbaaduu barbaachisa.

Madda: medicalnewstoday.com