Biyyoota guyya guyyaan deemsi miillaa dheeraa keessatti deemamu ifoomsaman

Finfinnee, Adoolessa 06, 2009 (FBC) Biyyoota lammilee kiiloomeetiroota hedduu miillaan deeman qabanii fi hin-qabne ifoomsameera.

Addunyaa irratti sochii miillaa namootaa ilaalchisee ragaan bilbiloota ismaartiin sassabameera.

Kanaanis Jiraattonni Hoong Koong guyya guyyaan giddu-galeessaan kiiloo meetiroota 5.2 miilla isaaniin deemuun adda duree ta’aniiru.

Qorannoon Qorattoonni Yuunivarsitii Istaandaard geggeessan lammileen Indooneezhiyaa guyya guyyaan giddu-galeessaan kiiloo meetiroota 2.6 miillasaaniin deemuun sadarkaa dhumaa qabataniiru jedha.

Lammileen Biritaaniyaa kiiloo meetira 4.1, lammileen Ameerikaa ammoo giddu-galeessaan Kiiloo meetira 3.6 guyya guyyaan miilla isaaniin nideemu jedhameera.

Qopheessaan qorannuchaa Piroofeesar Iskoot Deelip BBCtti akka himanitti qorannuchi qorannoowwan kana dura deemsa miillaa irratti xiyyeeffatanii geggeeffaman caalaa biyyoota hedduu kan haammatedha.

Bu’aan qorannoo Joornaalii Neechar irratti ba’e kun akka mul’isutti sadarkaa idil-addunyaatti guyya guyyaan namoonni kiiloo meetira 4 miillaan nideemu.

Haata’u malee, lammileen biyyoota akka Kaanaadaa, Ostiriyaa, Niwizilaand keessaa lakkoofsa akka giddu-galeessatti eerame kana irraa xiqqaa miillaan akka deeman qorannuchi eereera.

2-biyyoota22.jpg

Qorattoonni kunniin qorannoo kanaan eebba miillaan deemuun qabuu fi socho’uu dhiisuun rakkoolee dhufan ilaalaniiru.

Qorannuchi ilaalcha kana dura ture kan jijjiredha; miillaan deemuu dhiisuun carraa furdina gar-maleef nama saaxiluusaa gadi aanaa ta’uusaa biyyoota gara-garaatti mul’ateera jedhameera.

Haata’u malee, saffisa hojii irratti dhiibbaa mataa isaa qaba jedhu qorattoonni.

Namoonni miillaan socha’uu baay’isan sa’aatii dheeraaf kanneen taa’anii fi kanneen hin-sochoone waliin wal-bira wayita qaban hojiirratti si’atoo ta’uunsaanii eerameera.

Lammileen Ameerikaa fi Meeksikoo fageenyi miillaan deeman giddu-galeessaa wal-fakkaataadha.

Haata’u malee, si’aa’innni hojii lammilee biyyoota lamaanii fi furdina gar-maleef saaxilamuun isanii baay’ee garaagarummaa qaba jedha qorannuchi.

Qorannuchi namoota kuma 700 biyyoota 46 keessaa appilikeeshinii sochii namaa guyya guyyaa hordofu bilbila isaanii irratti fe’anii fayyadaman irratti hundaa’eeti kan hojjatame.

Madda: www.dailymail.co.uk/