Mallattoolee dhibee onneef saaxilamuu keessan mul’isan

Finfinnee, adoolessa 10, 2009 (FBC) Ogeeyyiin wal’aansaa mallattooleen qaamaarratti mu’atan ergaa mataa isaanii akka qaban himu.

Yero yerootti haala fayyaa hordofuu akka barbaachisu ibsu.

Kunis qaamni miirri addaa baay’ee ba’ee mul’atu irratti mul’achuu baatus rakkoon fayyaa uumamee ta’uu waan-danda’uuf rakkinicha beekuuf gargaara jedhu.

Akka ibsa ogeeyyiitti mallattooleen armaan gadii ammoo dhibee onneef saaxilamuu namaa kanneen agarsiisanidha.

Addaan ciccituu hirribaa : ammas ammaas irriba keessaa weeraruun dhibee onnee waliin hariiroo akka qabu ogeeyyiin ni-eeru.

Dhibee onneef wayita saaxilamtan irriba addaan ciccite qabaattu, sirriittiis rafuu hin-dandeessani.

Kana malees bishaan dheebochuun yoo jiraate rakkoon kun mudatee ta’uu waan danda’uuf gara dhabbata wal’aansa fayyaa deemuun ogeessa mariisisaa.

Dadhabbii guddaa: hojii wayita hojjatttanii fi wayita sochootan dadhabbiin uumamuunsaa hin hafu.

Faallaa kanaan garuu dadhabbiin humnaa ol ta’ee fi yeroo mara qaami keessan kan dadhabu yoo ta’e gara dhabbata wal’aansaa deemuun barbaachisaadha.

Harki namatti ulfaachuu: haala yeroo kanirraa adda ta’een harki keessan akka furdatee fi isinitti ulfaachuunsaa isiniti dhaga’amee beekaa?

Akkas yoo isinitti dhaga’ame ergaa karaa narvii onnee harkaa fi kutaalee qaamaa gara-garaa waliin wal-quunnamsiisuun isin qaqqabedha.

Ergaan kun ammoo onneen keessan hojiisaa hojjachuuf oksiijinii gahaa hin-arganne jechuu waan ta’eef fala itti barbaadaa jechuudha.

Kanaaf miirri akkanaa wayita isinitti dhaga’amu hatattamaan gara dhaabbata wal’aansa fayyaa deemuun ogeessa mariisisuu fi furmaata argachuu barbaachisa.

Dhiphinaa fi nyaati daakamuu diduu: dhiphachuuf beellamni barbaachisuu batus baay’achaa fi dabalaa yoo dhufe garuu maalif jettanii gaafachuu isin barbaachisa.

Kana malees naannoo maru’ummaan keessanii nyaati daakamuu diduu fi gubuun yoo isinitti dhaga’ame ergaan kun dhibee onnee waliin kan wal-qabatu ta’uu waan danda’uuf of hin-dagatinaa.

Hafuurri addaan ciccituu: Onneen keessan Oksiijiniin gahaa yoo isa hin-qaqqabne baay’ee dhiphachuu fi hafuura dhabuu akkasumas rakkoon hafuurri addaan ciccituu nimudata.

Kun ammoo rakkoon dhibee onnee waliin wal-qabatu uumamuusaa agrsiisa waan ta’eef ogeessa mariisisaa.

Rakkooleen dhibee onnee fi isaan wal-qaban kunniin uumamuu akka danda’anii fi mallattoolee dhibee kanaan akka hubamtan mul’isan ta’uu waan danda’aniif ogeessa mariisisuun filannoo keessan jalqabaa ta’uu qaba.

Kana malees carraa dhibee onneef saaxilamuu hir’isuuf nyaata fayyaaf ta’u nyaachuun ofirraa ittisuu isin barbaachisa.

Nyaata zayitaa fi cooma xiqqaa qaban fi nyaatawwan Soodiyamiin badhaadhan yeroo baay’ee maaddii irratti dabaluu.

Nyaata Asarii (Faayibarii)n badhaadhan, bu’aalee qurxummii, calla akkasumas osoo hin-baay’atin Lawuzii nyaachuun gaariidha.

Kana malees, kan akka fiigichaa fi sochiiwwan ispoortii isa fakkaatan hojjachuun ofii keessan eegaa.

Madda Biiznas Insaayidar