Guyya guyyaatti nyaata ijaaraa nyaachuun umurii dullumaatti cimaa ta’anii turuu akka nama dandeessisu qorannoon tokko eere

Finfinnee, Hagayya 01, 2009 (FBC) Nyaati ijaaraa nama umurii kam keessayyuu jiruuf faayidaa hedduu akka qabu qorannoowwan ni-ibsu.

Keessummaa dhadhabuu maashaa umurii dullumaatti dhufu fi qaamni mudhukuu hambisuuf akkasumas si’aa’inaan dabrsuuf nyaati ijaaraa gahee murteessaa qaba.

Kanaafis guyya guyyaan si’a sadii nyaata ijaaraa nyaachuun cimina maashaaf barbaachisaa yoo ta’u, dhiibbaawwan dullumaa dandamachuuf faayidaan isaa olaanaadha.

Keessumaa ciree, laaqana fi irbaata irratti sa’aatii nyaataa hunda irratti hanqaaquu 1, dhadhaa lawuzii fallaana 1 fi nyaata pirootiiniin badahaadhan isaan fakkaatan yoo nyaattan miidhaa dullumni fidu ni-hir’istu jedhameera.

Qorattoonni Yuunivarsitii Maakgiil Moontiriyaal haala fudhannaa pirootiinii guyyoo dhiirota 827 fi dubartoota 914 umuriin isaanii waggaa 67 hanga 84 gidduu jiran irratti fi jijjiirama si’aa’ina qaamaa galmeessisan irratti qorannoo geggeessaniiru.

Namoonni umurii dullumaa keessa jiran qorannucha irratti kan hirmaatan ciminni maashaa isaanii kan madaalame humna harka qabuu isaanii, cimina hirree isaanii fi cimina miillaa isaanii bu’uureffachuuni.

Sochiin qaamaa yookiin sadarkaan si’aa’ina qaamaa isaanii ammoo si’a’ina barcuma irra taa’an irraa ka’uuf qaban akkasumas deemsa miillaa wayita deeman saffisa galmeessisaniin madaalameera.

Garaagarummaan ciminaa namoota nyaata pirootiinii fudhatanii fi kan hin-fudhanne gidduu jiru guyyaa lama lamaan gaafachuun ragaan walitti qabamee ibsameera.

Akka ibsa ragaa kanaattis koorniyaa lamaan irraayyuu umurii dullumaa keessa kan jiranii fi guyyaa keessatti hamma pirootiinii nyaachuu qaban namoonni fudhatan ciminni maashaa isaanii dabalaa dhufuunsaa himameera.

Qorannoo waggaa sadiif geggeffameenis nyaata ijaaraa guyya guyyaan haala idileen fayyadamuun maashaa waaraan si’eessuuf gahee ifaa akka qabu dursaan qorannichaa Steefinii Cheevaaliyar himaniiru.

Ta’us namni tokko guyyaa keessatti pirootiinii hangamii isa barbaachisa kan jedhu qixa ulfaatina qaamaan giddu-galeessaan giraama 1.2 nyaachuu akka barbaachisu qorannoowwan eeraniiru.

Akka fakkeenyaattis dhiirri kiiloo giraama 70 ulfaatu tokko guyya guyyaatti pirootiinii giraama 85 nyaachuu qaba.

Pirootiinii giraama 85 kanas sa’aatiiwwan nyaataa guyyaa keessa jiran ciree, laaqana fi irbaata irratti hiree nyaachuu akka qabudha kan himame.

Karaa biraatiin dubartiin kiiloo giraama 59 ulfaattu guyyaa keessatti giddu-galeessaan pirootiinii giraama 27 nyaata guyya guyyaan nyaattu keessatti makuun ishee barbaachisaadha jedhameera.

Madda: www.dailymail.co.uk