Biyyoota badhaadhanitti namoonni sababa qofummaan du’an baay’inni isaanii dabalaa jira

Finfinnee, Adoolessa 03, 2009 (FBC) Hayyuleen Saayinsii Hawaasummaa biyyoota badhaadhan aadaan qofummaan itti leellifamu itti-baay’atu akkasumas haatii fi abbaan guyyaa guyyaan bakka itti-wal-gadhiisan waan ta’eef daa’imman dargaggoo qofummaa akka filatan dirqamuusaanii himu.

Qorannoowwan lama tibbana ifoomsaman namoonni qofaa isaanii jiraachuu fedhan hariiroo hawaasummaan kanneen fooyyee qaban irraa dhibbantaa 50 carraa dursanii du’uu akka qaban mirkaneessaniiru.

Akka qorannoowwan kanaatti hawaasa Ameerikaa harka sadii keessaa tokko qofummaan kan isaan hubu yoo ta’u, Biritaaniyaatti dargaggoonni dhibbantaa 18 qofummaan akka itti-dhaga’amu eeraniiru.

Of hawaasa keesssaa baasanii jiraachuun hariiroo (dhiibbaa ykn faayidaa) inni uumu qorannoowwan kanaan ibsameera.

Keessumaa qofummaan umurii giddu-galeessaa dhalli namaa hanga lubbuun turu qabu baay’ee dursee akka du’u sababa ta’uusaa fi dhiisuu isaa irratti xiyyeeffataniiru.

Piroofeesarri Xiin-sammuu Yuunivarsitii Barniinghaam Yaang Juuliyaan Hoolt Lustand ibsa qorannoowwan kana dura Koonfiransii Waldaa Ogeeyyii Xiin-sammuu Ameerikaa irratti hojjataman irratti hundaa’e dhiheessaniiru.

Qorannoowwan kanneen irratti namoonni kuma 300 ol kan hirmaatan yoo ta’u, hariiroo hawaasummaa kanneen qaban qofummaa kanneen baay’isanirra carraa bara dheeraa jiraachuu isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Argannoo qorannoo lammaffaa keessatti qorannoowwan 70 irratti hundaa’ee kan dhihaate yoo ta’u, namoota Ameerikaa, Yuuroop, Eezhiyaa fi Awustiraaliyaa keessa jiraatan miliyoona 3.4 ol hirmaachiseera.

Argannoo kanaan ofii ofii hawaasa keessaa baasuun fi waaraan qofummaatti jiraachuun umurii dargaggummaatti du’aaf akka nama saaxilu eerameera.

Qaamoleen hawaasaa hedduu addunyaa irraa biyyoota baay’ee keessa jiraatan qofummaan hirmaannaa hawaasummaa isaanii irraa kan isaan adda baasu dhibee hamaa ta’aa dhufuusaa dubbachuunsaanii ibsameera.

Biyyoota badhaadhan keessatti aadaan of adda baasuu baramaa dhufuunsaa umuriin turuu namootaa kan hir’isu balaa yaachisaa ta’uusaaf agarsiisa tokkodha jedhameera.

Keessumaa namoonni muraasa daa’imman qabanii fi ga’ela isaanii hiikan qofummaa filachuun adda duree ta’anii argamaniiru.

Ji’a Amajjii darbe miseensonni Paarlaamaa Biritaaniyaa gocha ofiin of balleessuu sababa qofummaan baay’achuu danda’u ittisuuf qajeelfamni haaraa akka qophaa’u murteessuunsaanii kan yaadatamudha.

Akka qajeelfama kanaattis koomishiniin haaraa hundaa’ee dhaabbilee tola ooltota kutaalee hawaasaa qofummaan isaan hubu irratti hojjatu gurmeessaa jira.

Walumaagalaan hawaasa irraa of adda baasanii qofummaatti dararamuu fi jireenya ofii balaarra buusuun wal-qabatee du’a dhufu hir’isuuf namoonni jireenya hawaasummaatti akka baran gochuu, maallaqaan deggaruu fi hidhata hawaasummaa gara-garaa uumuu barbaachisa jedhu hayyuleen Xiin-sammuu fi Saayinsii Hawaasummaa.

Madda: https://qz.com/