Waantota 9 'hakiima' keessan dhoksuu hin-qabne

Finfinnee, Qaammee 01, 2009 (FBC) Namoonni dhibeen wayita qabaman yookiin qorannoo fayyaa waliigalaaf gara wiirtuu wal’aansa fayyaa naannoo isaaniiti argamu deemuun tajaajila argachuu danda’u.

Ta’us ‘hakiimonni’ waa’ee fayyaa isaanii wayita isaan gaafatan odeeffannoowwan tokko tokko isaan dhoksuun isaanii hojii wal’aansaatti gufuu wayita ta’u mul’ata.

Abbootiin wayita  mammaakan  ‘kan dhibee isaa dhokse dawaa hin-argatu’ akkuma jedhan odeeffannoo  waliigalaa ‘hakiimonni’ gaafatan osoo hin-dhoksin deebii kennuu qabna.

‘Hakiimnis’ dirqama ogummaa waan itti-himne dhoksaan qabuu qaba.

Odeeffannoowwan hakiima keenya dhoksuu hin-qabne ammoo asitti aansinee isinii dhiheessina.

1.    Dawaa isinii ajajame fudhachuu dhaabdanii jirtu yoo ta’e

Namoonni tokko tokko dawaa dhibee isaaniif isaanii ajajame xinnoo wayita itti wayyaa’u addaan kukutanii fudhachuu yoo hamaates guutumaan guutuutti addaan kutuu danda’u.

Egaa ‘hakiima’ keessan waliin waa’ee fayyaa keessanii mari’achuuf wayita deemtanitti dawaa addaan kutuu keessan osoo hin-dhoksin dubbachuu isinirra jira.

Kun yoo ta’uu baate garuu dawaawwan addaan kukkutanii fayyadamun miidhaan isaa olaanaa waan ta’eef rakkoo hamaaf isin saaxiluu akka danda’u ogeeyyiin fayyaa ni-himu.

2.    Alkoolii hangamii akka dhuganii fi tamboo hangamii akka xuuxxan  

Guyya guyyaan kan xuuxnuu fi dhugaatii alkoolii kan dhugnu yoo ta’e ‘hakiimotatti’ sirriitti himuun keenya furmaata malee hamaa hin-qaqqabsiisu.

‘Hakiimonni’ araadaan qabamuu keenya waan itti-himneef nu hin-hidhani miidhaa hamaafis nu hin-saaxilani; kanarra jireenyi keenya akka hin-jeeqamnee fi fayyaan keenya miidhaaf akka hin-taane nu gorsu; wal’aansa sirriis akka argannu nu gargaaru.  

Haala keenya hundumaa hakiimotatti himuun qorannnoo fi hordoffii sirrii argachuuf nu gargaara.

3.    Mukuun, dhiphinni yookiin jeequmsi jireenya hawaasummaa yoo nu mudate

Rakkooleen fayyaa sammuu wayita  nu-mudatan,  hariiroon namoota waliin qabnu gaarii yoo hin-taane hakiima mariisisuun gargaarsa barbaachisaa argachuuf daandii saaqa.  

4.    Adeemsa uumamaan waantota wal’aansaaf barbaachisaadha jedhaman kan fayyadamnu yoo ta’e

Furdina qaamaa hir’isuuf, garaa cinniinnaa irraa fayyuuf, fi dhibeewwan fakkaatan of wal’aanuuf dawaawwan aadaan fudhannu ‘hakiimaan’ hin-ajajamne yoo jiraatan ‘hakiima’ keenyatti himuurraa of qusachuu hin-qabnu.

5.    Waa’ee dhimma maallaqaa

Yeroo baay’ee namoota hanqinni maallaqaa dhiphina hamaaf saaxiluu akka danda’u ogeeyyiin xiin-sammuu dubbachuu danda’u.

Kanaafis waanti hamaan fayyaarra osoo hin-qaqqabin dura namoonni ‘hakiimota’ isaanii dhimmoota maallaqaa waan isaan dhiphisu ifatti dubbatanii irratti mari’achuu qabu.

6.    Irribni yoo isin dide

Rakkoon hirribi nama diduu bara keessa jiruu kana keessa qorumsa fayyaa ta’eera.

Keessumaa bu’aa ba’iin jireenyaa sammuu keessatti namatti dhaga’amu,  dhiphinni, mukuu fi jeequmsi sammuu fi  isaan fakkaatan hirribni akka nama hin-qabne kan dhorkan keessatti kan eeramanidha.

Bilbiloota ismaartii fi iskiriinii kompiwtaraa irra yeroo baay’ee turuunis hormonota hirribaa balleessuun boqonnaa barbaachisaa akka hin-arganne waan nu dhorkaniif  ‘hakiimota’ keenya mariisisuun barbaachisaadha.

7.    Dhukkubbii  garaachaa fi mar’ummaan waliin wal-qabatan

Qorannoo fayyaaf gara dhaabbata wal’aansaa wayita qajeellutti dhibeen garaachaa fi mar’ummaan waliin wal-qabatu kan isinitti dhaga’amu yoo ta’e ifatti hakiima keessan mariisisuu qabdu.

8.    Dadhabbii olaanaa yoo qabdu ta’e

Namoonni umuriin isaanii dabalaa wayita deemu qaami isaanii nidadhaba.

Ta’us namoonni umurii kam keessayyuu jiran baay’ee kan dadhaban yoo ta’e dhibeewwan kan akka mukuu fi dhibee onnee cimaa waliin wal-qabataniif saaxiluu waan danda’aniif ‘hakiimota’ isaanitti haala waliigalaa itti-dhaga’amu ifatti himuu qabu.  

9.    Seenaa dhibee maatii

Seenaa dhibee maatiis hakiimatti himuu barbaachisa.

Akka fakkeenyaattis dhibeewwan onnee waliin wal-qabatee yeroo mara maatiin dhibee akaakuu sanaan rakkatu yoo jiraate ‘hakiimonni’ wayita qorannoo ni gaafatu.

Dhibeewwan maatii keessatti mudatanii turan ‘hakiimotatti’ dhoksaadhaan himuun  qorannoo barbaachisaa geggessuuf murteessaadha.
Waliigalaan turtiin hakiimota waliin taasifamu kamiyyuu dhoksaa fi amanamummaan kan eegamu waan ta’eef ‘hakiima’ ofii dhoksuun hin-barbaachisu jedhameera.

Madda: www.netdoctor.co.uk