Soorrata kuufama coomaa hir'isanii fi sirna bullaa’insaa si’eessan

Finfinnee, Fulbaana 2, 2009 (FBC)- Tibba ayyaanaa nyaata zayitaa fi coomaa heddummaatu soorrachuun barameera.

Haata’uutii haalli jireenyaa fi sirni nyaataa keenya fayyaa waliigalaa keenyan walqabata waan ta’eef, of eeggannaa taasisuun murteessadha.

Sirna nyaataa waliin walqabatee ogeeyyin nyaata dafee daakamuu fi nama hin dhiphisne nyaachuu gorsu.

Sababni isaas nyaatni akkanaa dafee daakamuu isaatin alatti ijaarsa qaamaaf ga’ee mataa isaa qaba.

Hagam yoo kajeeltanillee nyaata dafee daakamu nyaachuu ogeeyyiin ni gorsu.

Nyaata sirni nyaata sirrii akka jiraatu gargaaranii fi kuusaa zayitaa fi coomaa qaama keessa jiru gubuuf gargaaran keessaa muraasni;

Baaqelaa;

Baaqelaan nyaata kuusaa coomaa gubuu fi ulfina qaamaa hir’isuuf akka gargaaru ogeeyyin ni himu.

Kana malees, daakamuu sirna nyaataaf gahee mataa isaa qaba.

Prootiinii liin qaamaaf barbaachisu, akkasumas ‘faayibaroota’ of keessaa qaba.

Qabiyyeewwan kunniin ammoo daakamuu sirna nyaataa booda insuliinii qaama keessatti argamu hir’isuun qaama keessatti kuusaan coomaa akka hin uumamne taasisu.

Corqaa diimaa;

Daakamuu sirna nyaataaf kan gargaaru makaa kaapseeysiin qaba.

Makaan kun kaalorii daakamuu nyaataa too’atu baay’isuun qaama keessatti kuusaa qaamaa dhabamsiisuuf gargaara.

Dabalataanis beela namatti dhaga’amu balleessuun humnaa ol akka hin nyaanne gargaara.

Shayii magariisaa;

Shaayiin magariisni ammoo keemikaalota dhiphinaa fi waantoota isaan wal qabatan baay’inaan akka hin maddine gargaara.

Zayita kookonaatii;

Nyaata nyaattan waliin zayita kookonaatii makanii fayyadamuun kuusaa zayitaa gubuun sirni nyaataa sirrii akka jiraatu gargaara.

Zayitni keessasaa jiru ammoo qaama irratti kuufamuun zayita hin barbaachifne furdina gar malee namatti fidu dhabamsiisuuf humna qaba.

Kuusaa dibataa hin barbaachifne humnaa fi jabina qaamaaf fayyadu jijjiiruun, humna dabalataa isaa kenna.

Qurxummii;

Qurxummiin oomeegaa 3 faatii asiidiin badhaadhe daakamuu sirna nyaataaf gahee furtuu taphata.

Faatii asiidiin oomeegaa 3 daakamuun nyaataa akka hin turre kan godhu baay’ina hoormoonii leeptiin baay’inaan akka hin maddine gochuuf gargaara.

Qosxaa;

Kuduraan kun wantoota daakamuu sirna nyaataa saffisiisan argamsiisa.

Maashaan akka cimuu fi kanaan wal qabatees nyaanni sirriitti akka daakamu gargaara.

Fayyaa sammuu fi si’aa’ina sammuufis kuduraan kun baay’ee fayyada.

Lawuzii;

Lawuziin keessasaatti qabiyyee kaaloorii qaama keessa jiru sirriitti gubuu dandeessisu qabateera.

Kaalorii kana gubuun ammoo haala qaamaaf mijatuun jijjiiruun ijaarsa qaamaaf oolchu.

Avokaadoo;

Kaalorii fi faatiin kan badhaadhan ta’us, keessasaatti faaybaroota, vaaytaamiinii fi albuuda kan qabatedha.

Kaaloriin keessa isaa jirus yoo ta’e sirna daakamuu nyaataa kan too’atuu fi kan sirreessu yoo ta’u, qaama irratti zayita kuusuun qaama furdisa.

Nyaatonni eeraman sirni daakaa nyaataa sirrii akka jiraatu kan gargaaranii fi qaama keessatti kuusaan dibataa yookiin coomaa akka hin jiraanne kan gargaaran waan ta’eef, nyaachuun of eegaa.

Corqaa, loomii fi timaatima nyaatawwan kanneenitti makuun fayyaa keessan eeguu dandeessu.

Maddi: Biiznas Insaayidar