Maloota barattoonni haaraa yuunivarsitii rakkoolee isaan mudachuu danda’u keessaa ittin ba’an saddeet

Finfinnee, Fulbaana 03, 2010 (FBC) Yunivarsitii galanii barachuun barattoota dargaggoof qaama jireenya gammachiisaadha.

Ta’us haalonni xiin-sammuu nama dhiphisanii fi nama sodaachisan mudachuu danda’u.

Keessumaa naannoo haaraatti baruuf, maatii irraa fagaatanii barachuu fi hiriyoota haaraa baafachuuf dhimmoonni sammuu sodaa fi abdiin makaman ni-eeramu.

Yuurooppitti ogummaa ‘yaaduun’ beekamtii kan argatan Wiil Wiiliyaams barattoonni yeroo jalqabaa gara yuunivarsitii wayita seenan dursanii maal gochuu akka qaban hin-beekani jedhu.

Bara Faranjootaa darbe barattoota harawaa yuunivarsitii galan Biritaaniyaa keessaa nuusaa kan ga’an rakkoo sammuuf saaxilamuusaanii yaadachiisaniiru.

Keessumaa mukuu fi dhiphinni olaanaa rakkoolee barattoota kanaa turani jedhaniiru.

Rakkoolee sammuu sababa maatiirra adda ba’uun mudatan irratti qorannoo kan geggessan ragaa baasaniin barattoota harawaa yuunivarsitii keessaa dhibbantaan 35 yaadi maatii baay’ee akka isaan qoru ibsaniiru.

Sababa kanaan tokko tokko barnoota isaanii irratti mukuun dhiibbaa uumu akka isaan mudate himameera.

Ogeessi ‘yaadaa’ kun akka jedhanitti jireenya maatii waliin buhaartii keessa jiraatan gadhiisanii naannoo haaraa fi hawaasa haaraatti makamuun qorumsa akka ta’u amanama jedhu.

Egaa barattoonni haarawaa yuunivarsitii haala qorumsaa kana danda’anii yuunivarsiticha keessatti turtii gammachuun guutee fi milkaa’inaa akka qabaatanitti maloota asiin gaditti tarreeffaman yoo hordofan gaariidha jechuun dhiheessineerra:

1.    Yuunivarsiticha keessatti hiriyoota haaraa waliin dafanii wal- baruuf carraaquu

Waantota barattoota yuunivarsitii haaraa galanitti ciman keessaa tokko adeemsa hiriyaa gaarii akka maatiitti itti dhihaatan argachuuf taasisanidha.  
Dhuguma dhalli namaa jireenya hawaasummaa kan hordofu ta’us, qoollifannaan walirraa fageenyi xiin-sammuu uumu mudachuu danda’a.

Kun akka hin-taaneef barattoonni yuunivarsitichi mana-isaanii akka ta’e dursanii yaaduu qabu.

Ergasii boodas hiriyoota mana-jireenyaa waliinii barattootaa tokko keessatti ramadaman waliin ta’uun jireenya haaraa akka hariiroo maatiitti dhiheessuun wal-baruu isaan barbaachisa.

Kun ammoo yaada maatiif qaban isaanii salphisuu danda’a.

2. Qormaatilee haaraa humna ofiin keessaa ba’uuf murteessuu  

Barataa haaraa yuunivarsitii ta’anii dhimma kutaa keessatti kenname barattootaa fi barsiisota duratti dhiheessuu dadhabuun, walga’iin gamtaa barattoota wayita jiraatu barattoota duratti yaada kennuuf ija jabummaa dhabuu dabalatee rakkoon sodaa nama mudachuu danda’a.  

Ogeeyyiin xiin-sammuu akka jedhanitti barattoonni dursa sodaan keessasaanii jiraachuu beekuu qabu.

Isa boodas maddi sodaa kanaa maalidha kan jedhu adeemsa ofiin beekuu fi bu’uura kan hin-qabne ta’uu amanee ofiisaan keessaa ba’uuf murteessuu qaba.

Keessumaa waan sodaatanii fi waan jibban dirqamaan raawwachuuf ejjannoo fudhatanii hojiitti hiikuu qabu jedhu ogeeyyiin xiin-sammuu.

Adeemsi kun ammoo sodaa xiin-sammuu guutumaan guutuutti dhabamsiisuun ofii ofii milkaa’inaan akka nama ga’u dhugaa ba’aniiru.

2.    Kaayyoowwan guyya guyyaatti milkaa’uu qaban kaa’uu

Karoora tokko boriif haa bulu jedhanii bulchuun waantota gammachuu namaa fudhatan keessaa tokkodha. Kunis namoonni carraa miira tokkoon rakkoon sammuu wayita isaan quunnamu kan mudatudha.

Barattoonni haaraa yuunivarsitiis akkuma nama isa kaanii kaayyoowwan guyya guyyaan karoorsanii milkeessuu qaban qopheessuu qabu.

Keessumaa torbanoota jalqabaa yuunivarsitiitti seenan keessatti karoora isaanii guyya guyyaa galma ka’umsaa bara barnootichaatti adda hiraman baasuun hojiitti hiikuuf qophaa’uu akka qaban gorsa.

Karoora isaanii keessaa maloota itti qorumsa sammuu dandamatan baasuun hiriyoota isaanii waliin mari’achuu barbaachisa.

Keessumaa galma karoorsan karaa itti milkeessan baasuun carraa iti bara barnootaa isaaniitti gammadoo fi milkaa’oo itti-ta’an uumuu qabu.
Karoora  isaanii har’aas tasa boriif bulchuu hin-qabani.

4. Jireenya fayya- buleessa jiraachuuf ofiisaanii eeguu

Barattoonni addunyaa yuunivarsitii haaraatti wayita makaman  fayyaa isaanii guyyaa guyyaa eeguuf carraaqii taasisuu qabu.

Keessumaa sababa haaraa ta’aniif qorumsa sammuu isaan mudatutti osoo hin-nahin yeroo gammachuu fi dhiphina irraa bilisa ta’e qabaachuu qabu.

Sirni nyaataa isaaniis haala fayyaa isaanii eegsisuun ta’uu qaba.  

5. Boqonnaa sammuu gahaa argachuu

Barattoonni kunniin sammuu isaanii barnootaa fi hojilee gara-garaan dadhabaa oole boqochiisuuf daqiiqaawwan murtaa’aniif yaada keessa ta’uun ofiisaanii bakka nagaa qabu tursuu yookiin hirriba nagaa yoo rafuun isaanii filatamaadha.

Kunis hirriba yookiin hanqina boqonnaan dhiphina mudachuu danda’u isaanii hir’isa.

6. Kanneen kaan gargaaruu

Qorannoowwan xiin-sammuu fi sammuu hedduu akka mul’isanitti namoonni namoota kaan garagaaran carraan rakkoo sammuuf saaxilamuu isaanii dhiphoodha.

Keessumaa barattoonni haaraa hiriyoota isaanii rakkoolee gara-garaaf saaxilaman humna qabaniin gargaaruunsaanii fayyaa sammuu isaanii isaanii eegsisa.

Kana malees hariiroo hawaasummaa isaanii cimaa akka ta’u isaan gargaara.

7. Haalota salphisanii ilaaluu

Waantonnni haaraa mudachuu akka danda’anii fi rakkoolee kanneen karaa salphaa furuu akka danda’amu sammuusaanii amansiisuun itti-gaafatamummaa barattoota haaraa yuunivarsitiiwwaniiti.

Keessumaa ofii ofii dhadhabaa/duu godhanii ilaaluu dhiisuu fi jabinaan guutamuun waantota salphisanii ilaaluu nama dandeessisa.
Kun yeroo jedhamu garuu cira of dagachuu hin-barbaachisu.

8. hanga danda’ame sochii qaamaa goochuu

Barattoonni guyyaa si’ataa dabarsuuf ganama ka’anii hanga danda’an sochii qaamaa yoo taasisan filatamaadha.

Sa’aatiin barnootaa osoo hin-ga’in dursanii ka’uun miillaan deemuu fi dursanii kutaa keessatti argamunis guyyaa isaanii isaanii ibsa.

Madda: www.belfasttelegraph.co.uk