Furdinni qaamaa gar-malee daa’immanii fi saafilaa sadarkaa addunyaatti babal’ataa jira: qorannoo

Finfinnee, Onkololeessa 01, 2010 (FBC) Waggoota 40n darbanitti sadarkaan furdina qaamaa gar-malee daa’immanii fi saafilaa dachaa 10 dabaluusaa himameera.

Qorannoon haaraa ba’e akka mul’isutti daa’imman miliyoona 100 fi miliyoona 24 guutummaa addunyaarra jiran gar-malee fufurdoodha.

Qorannoon akkaakuusaan baay’ee bal’aadha jedhame kun furdina gar-malee biyyoota 200 keessaa ilaaleera.
Biriteen keessatti daa’imman 10 umurii waggaa 5 hanaga 19 keessaa 1 furdina gar-maleef saaxilamaadha.

Daa’imman furdina qaamaa gar-malee qaban yeroo guddatanis yeroo baay’ee furdina gar-maleef saaxilamoodha, kun ammoo rakkoo fayyaa cimaaf isaan saaxiluu danda’a.

Qorannoon kun kan ifoome Guyyaa Furdina Gar-malee Addumnyaa irratti yoo ta’u, qorattoonni Federeshinii Furdina Gar-malee Addunyaa rakkoo fayyaa furdina gar-malee waliin wal-qabtaee uumamu wal’aanuuf baasiin waggaa waggaan ba’u bara 2025 jalqabee Yuuroo biliyoona 900 fi biliyoona 20 caaluu akka danda’u akeekkachiisuusaaniin boodadha.

Furdinni gar-malee daa’immanii biyyoota Yuuroop galii guddaa qaban keessatti madaalawaa ta’aa jiraatus, qaama addunyaa bakka kaanitti saffisan dabalaa akka jiru Kolleejii Imperiyaal Landan irraa Dursaan Qorataa Piroofeesar Maajid Ezzati nihimu.

Qorattoonni akka jedhanitti nyaati rakasaa nama furdisan bal’inaan aragmuunsaanii rakkoo kanaaf sababadha.

Daa’immanii fi saafilli furdina gar-malee qaban baay’inaan bakka itti argaman Eezhiyaa Bahaati. Chaayinaa fi Indiyaan keessumaa waggoota dhihoon asitti sadarkaa olaanaa ta’een rakkoo kana keessummeessaa jiru.

Qorattonni akka jedhanitti haala amma jiruun yoo itti-fufe furdinni gar-malee - ulfaatina qaamaa sirriin gadi ta’uura caalee argamuu danda’a.

Baay’inni daa’imman ulfaatina qaamaa sirriin gadi ta’anii erga bara 2000 tii as hir’isaa jira.

Bara 2016 daa’imman miliyoona 100 fi miliyoona 92 ulfinaa qaamaa siirriin gadi qabu turani; lakkoofsi kunis baay’ina daa’imman furdina qaamaa gar-malee qabanii kan caalu ta’us, jijjiiramaa akka jiru kan mul’isu ture.
Eezhiyaa Bahaa, Laatin Ameerikaa fi biyyoonni Kaaribiyaan ulfina sirriin gadi irraa waggoota kodhanan muraasatti gara furdina qaamaa gar-maleetti jijjiiramaniiru.

Mana barumsaa Qulqullummaa fi Fayyaa Landon keessatti Gargaaraa Qorataa kan ta’an Doktar Harii Ruutar rakkoon kun rakkoo hamaa ittumaa hammaachaa deemu ta’uusaa himu.
Rakkoo kanaaf furmaata akka ta’uuf biyyoonni 20 ol addunyaa irraa dhugaatii sukkaaraa irratti taaksii kaa’aniiru.

Sagantaan sukkaara hir’isuu kun jalqabbii reef tokko jedhame rakkoo dhaloota dhufuuf furmaata kaa’uuf imala dheeraa deemamuu ta’uu Ogeesssi Fayyaa Hawaasaa Ingilaand Doktar Alison Tedstone himaniiru.

“Barnootaa fi odeeffannoon barbaachisaadha, kaaloorii hamma fudhannu hir’isuu fi nyaata fayyaaf tolu akka nyaannuuf hojii bal’aa gaafata” jedhaniiru.