Miidhaa sa’aa dheeraa rafuu

Finfinnee, Amajjii 2, 2010 (FBC) -Hirribni gahaa fi wal-madaalaa fayyaadhaaf baay’ee barbaachisaa ta’uusaa ogeeyyiin fayyaa nihimu.

Hirriba gahaa rafuun dhadhabbii qaamaa dhabamsiisuu fi yeroo hojii keeessan guyyaatti xiyyeeffannoon akka hojjatan isin gargaara.

Kana malees qaamni haala gaariin humna akka argatu gochuun ofiisaa dhibee irraa humna ittiin ittisu isaa guddisa.

Haata’u malee, faallaa kanaan sa’aatii dheeraaf rafuunis miidhaa mataa isaa danda’e akka qabu ogeeyyiin nihimu.

Sababa gara-garaan nan-dadhabe jechuun guyyaatti sa’aatii 10 fi isaa ol namoonni rafan adeemsa yeroo keessa haala fayyaa isaanii irratti rakkoo uumu jedhu ogeeyyiin.

Guyyaa keessatti sa’aatii 7 hanga 8 rafuun barbaachisaadha kan jedhan ogeeyyiin kunniin, sa’aatii isaan ol rafuun garuu fayyaaf balaafamaadha jedhu.

Qorannoon Piroofeesarri Yunivarsitii Haarvaard Suuzaan Reedliin fi michoonni isaanii geggeessan kana kan mul’isudha.

Rakkoo sa’aatii dheeraaf rafuun fayyaa namaa irraan ga’u:

Saaxilamummaan dhibee onnee nidabala: namoonni sa’aatii dheeraaf rafan sirriitti warra rafanirra caalmaa dhibbantaa 34 carraa dhibee onneef saaxilamuu qabu.

Kanaan wal-qabatees dubartoonni sa’aatii dheeraaf rafan carraan rakkoo kanaaf saaxilamuu isaanii olaanaadha jedhameera.

Kana malees, qorannoon waggaa lama har’aa geggeffame ammoo sa’aatii dheeraaf rafuun rakkoo sammuu keessatti dhiigni dhangala’uu akka dabalu mul’isa.

Furdinaaf nama saaxila: hirribni baay’ee furdina qaamaa gar-malee waliin akka wal-qabatu ragaaleen ni-mul’isu.

Sa’aatii raftanitti qaami keessan humna baay’ee hin-baasu, sababa kanaan kaalorii xiqqoo guba.

Kun ta’uun ammoo furdinni qaamaa akka dabalu godha.

Saaxilamummaa dhibee sukkaaraa dabala: baay’isanii rafuun dhiiga keessatti hammi sukkaaraa akka dabalu gochuun saaxilamummaa dhibee sukkaaraa dabala.

Hammi hirribaa baay’ees saaxilamummaa dhibee sukkaaraa akaakuu 2 dabala.

Mukuuf nama saaxila: hamma hirribni addaan ciccituun dhiibbaa miira irratti qabu hunda hirribni baay’achuun rakkoo kanaaf nama saaxila.

Sa’aatii dheeraaf hanga rafan carraa qaamni sochii ga’umsa qaamaa irratti taasisu nihi’isa, kunis sababa jijijjiiramuu miiraaf sababa kan ta’an irratti dhiibbaa uuma.

Qaamni sa’aatii dheeraaf sochii malee taa’uunsaa mukuu fi miira ammaa ammaa jijjiiramuuf nusaaxila.

Mataa bowwuuf nama saaxila: mataan bowwuu hir’iba dhabuun isin mudatu hirriba dheeraa rafuunis isin quunnamuu danda’a.

Kana malees sa’aatii dheeraaf raftanii wayita dammaqxan qaamni ciree yeroodhaan argachuu malu ture kan akka Shaayii, bunaa fi si’eessituu kaan hin-argatu.

Kunis miira keessan irratti dhiibbaa wayita uumu , guyyaa guutuu mataa bowwuuf saaxilamuu dandeessu.

Dhibee dugdaaf nama saaxila: biiroo keessa sa’aatii dheeraaf hojiirratti dabarsitanii galgala dadhabbii irraa boqochuuf rafuun keessan sa’aatii sochii ga’umsa qaamaaf qabdan isin dhabsiisa.

Gama kanaan oolmaan sochii hin-qabne keessan adeemsaan lafee fi maashaa keessan irratti humna dhiibbaa uumuu qaba.

Kun ta’uun ammoo dhibee dugdaa fi dhiibbaa fakkaataniif isin saaxila.

Kana malees, sochii qaamaa taasisuu dhiisuun keessan si’aa’ina sammuu irratti harkifannaa fi saaxilamummaan dhibees ta’e du’aa akka dabalu godha.

Madda: prevention.com

(Irra deebiin kan maxxanfame)