Dhibee tiruu fi yaalasaa

Finfinnee, Gurraandhala 5,2010(FBC)- Tiruun keenya dhukkuboota gara garaatiin hubamuu danda'a.

Dhukkuboota tiruu miidhan;

  1. Dhukkuba tiruu vaayirasoota tiruu/hepatitis virus'
  2. Woggoota dheeraaf alkoolii baay'isanii dhuguun,
  3. Qorichoota garagaraa baay'isanii fudhachuun,
  4. Summii garagaraatiif saaxilamuun,
  5. Ameebaan ykn baakteeriyoonni tokko tokko malaa uumuun/guuruun,
  6. Kaansariin seelii tiruu irraa ka'uun,
  7. Sirna ittisa dhukkuba qaamaa keessatti qaamni keenya miidhamuun/wol rukutuunii (autoimmune disease), fi
  8. Rakkina ujummoo hadhooftuu irraa kan ka'e tiruun keenya dhukkubsachuu/miidhamuu dandeessi.

Dhukkubni tiruu vaayrasoota tiruutiin dhufu;

Gosoota gara garaa ta'anis irra jireessaan tiruu keenya ni miidhu.

Vaayrasiin kunniin 'hepatitis (A, B, C, D, fi E ) virus' jedhamanii beekamu.

Heppaataaytiis 'A' vaayras:

Inni kuni vaayrasii tiruu daddarbaa ta'an keessaa isa tokko ta'ee, nama isa qabu irraa gara nama biraa hanqina qulqullina nyaata, bishaanii fi nama dhukkubsateen hariiroo walitti dhihoo ta'e qabaachuun darba.

Yeroo gabaabduuf tiruu keenya haalaan miidhuu danda'uyyuu, rakkinna yeroo dheeraatiif tiruu keenya hin saaxilu.

Dhukkubni tiruu vaayirasii kanaan dhufu otoo hin yaalamin ofinuu baduu/fayyuu danda'a.

Qulqullina nyaataa fi dhugaatii keenya eguu, bishaan qulqulluu fayyadamuun carraa vaayirasii tiruu kanaan qabamuu gadi buusuu ykn hambisuun ni danda'a.

Heppaataaytiis 'B' vaayras:

Inni kun vaayrasii tiruu baay'e hamaa ta'ee fi miidhaa yeroo dheeraa fiduu danda'udha.

Vaayrasiin kun akka nu hin qabneef, talaalliin fudhatamu jiratuyyuu vaayrasii kanaan takka qabamnaan qaama namaa keessa hin bahu/badu.

Vaayrasiin inni kun miidhaa/dhukkuba tiruu yeroo gabaabaa ji'a jahaa gadiif turu (acute viral hepatitis) ykn dhukkuba yeroo dheeraan booda namatti deebi'uu fi nama irra turu (chronic viral hepatitis) fiduu danda'a.

Carraan vaayirasiin heppaataaytiis B kun dhukkuba yeroo dheeraa fiduu kan murteessu umrii itti vaayirasichi qaama namaa seenedha.

Umriin xiqqaa yoo ta'e carraan dhukkuba yeroo dheeraa/dheeraaf qabaachuu guddaa ta'a.

Fakkeenyaaf daa'imman yeroo cininsuu ykn dahumsaa haadha irraa vaayirasiin kun itti daddarbe, carraa dhukkuba yeroo dheeraa qabaachu %90-95 qabu.

Yoon nama guddaa ta'ee vaayirasii heppaataaytiis B kanaan qabame carraan dhukkuba yeroo dheeraa (chronic viral hepatitis) qabaachu %5-10 qofadha.

Vaayrasiin tiruu kun (heppaataaytiis B vaayras) kun tiruun keenya dalagaa ishee akka dadhabdu, kaansarii tiruutiif akka saaxilamtu akkasumas godaannisooftee ( 'cirrhosis'- goddanisa umtee ) akka haftu gochuu danda'a.

Vaayrasiin kun nama isa qabu irraa gara nama biraa walqunnamtii saalaa hin ittifamne gochuun, waan qara
qabu waliin fayyadamuun,
dhiigaa fi dhangala'oo biroo(hancufa, kkf) nama vaayrasii kana qabu irraa bahan/jigan akkuma argan qaqqabuu/tuttuquun, akkasumas yeroo dahumsaa haadha irraa gara da'imaa daddarba.

Vaayrasii kanaan akka hin qabamneef:

  • Walqunnamtii saalaa hin ittifamne gochuu dhabuu,
  • Waan qara qabu waliin fayyadamuu dhabuu,
  • Dhiigaa fi dhangala'oo biroo kan qaama nama biraatii bahan/jigan akkuma argan qaqqabu/tuttuquu dhabuu,
  • Yeroo ulfaa qorannoo vaayirasii kana qabaachuu/dhabuuf godhamu gochuun da'ima keenyatti akka hin dabarre talaallii vayirsii kanaaf daa'ima keenya qopheessu/qophayuu.
  • Talaalliin namoota carraa vaayirasii kanaan qabamuu danda'aniif kennamu ni jira.

Heppaataaytiis 'C' vaayras

Akkuma Vaayirasii heppaataaytiis 'B' san dhukkuba tiruu yeroo gabaabduu fi dhukkuba tiruu yeroo dheeraaf nama wajjiin jiru fiduu danda'a.

Isaan Vaayrasii kanaan qabaman keessaa ℅ 70-85 kan ta'an dhukkuba tiruu yeroo dheeraa nama wajjin turuun qabamuu danda'u.

Qaamni keenya dhukkubni kun balaa yeroo dheeraa akka hin fidne yeroo hedduu ittisuu danda'ayyuu namoota tokko tokko irratti tiruun akka dadhabdu, kaansarii tiruutiif akka saaxilamtu akkasumas godaanisoofte ( 'cirrhosis'- goddanisa umtee ) akka haftu gochuu danda'a.

Karaan hedduun vaayrasiin kun ittiin nama qabuuf daddarbu kan vaayirasii heppaataaytiis B walfakkaata yoo ta'u, wantoota/barteewwan sanniin balleessun/hanbisuun vaayrasii kanaan akka hin qabamne nu gochuu mala.

Vaayrasii heppaataaytiis 'C' kun qoricha farraa vaayirasii (anti-viral medications) ji'oota hedduuf fudhatamuun akka dhiiga keenya keessatti hin mul'anne/badu gochuun ni danda'ama.

Vaayrasiin inni kun talaallii hin qabu.

Heppaataaytiis 'D' vaayras:

Vaayirasiin kun dhukkuba fiduuf gargaarsa vaayirasii heppaataaytiis B kan barbaadu yoo ta'u, vaayirasii heppaataaytiis B wajjin ykn tiruu vaayirasii heppaataaytiis B'n dadhabde hubuun/qabuun miidhaa tiruu keenya irratti fida.

Yeroo hedduu vaayrasiin kun dhiiga keenya keessa ofuma isaatii baduu danda'uyyuu rakkinnoota yeroo dheeraa vaayirasiin heppaataaytiis B fidu sanniinis fiduu danda'a.

Karaan inni ittiin daddarbus kan vaayirasii heppaataaytiis B tiin walfakkaataadha.

Heppaataaytiis 'E' vaayras:

Yeroo hedduu dhukkubni tiruu vaayirasii gosa kanaan dhufu turtii yeroo gabaabduu booda ofuma isaatii baduu kan danda'u ta'uyyuu, darbee darbee tiruun keenya yeroo gababduu keessatti akka dadhabdu gochuu danda'a.

Inni kunis akkuma heppaataaytiis A vaayras san dhukkuba tiruu yeroo dheeraa hin fidu.

Vaayrasiin kun nyaataa fi bishaan qulqullina hin qabne, foon dheedhii horii vaayrasii kana qabu, akkasumas dhiiga nama vaayirasii kana qabu fudhachuun daddarba.

Mallattooleen dhukkuba vaayirasii tiruu;

  • Nama dadhabsiisuu
  • Nama lolloojjessuu fi haqqisiisuu
  • Dhukkubbii garaa fi garaan nama muruu kessattuu naannoo tiruun keenya argamtu irratti.
  • Hoo'a qaamaa
  • Fincaan gurracha’uu ykn boora ta'uu.
  • Iddoo buusaa/cabsata qaamaa garagaraa irratti dhukkubbiin namatti dhagahamuu.
  • Qaama nama hooqsisuu.
  • Gogaa fi ijji keenya boora ta'uu
  • Fedhiin nyaataa gadi bu'uu
  • Garaa fi miila nama dhidhiitessu
  • Haala salphaan dhiiguu. Yoo dhiiges dhiigni haala salphaan dhaabachuu dhabuu.
  • Sadarkaa vaayrasiin kunniin tiruu keenya miidhee jiru irrattii fi gosa vaayirasii kanniin irratti hunda'uun mallattoolee garagaraa kan biroos mul'achuu danda'an.


Maddi; Dooktar Nuraddiin L.