Mataa dhukkubbii fi falasaa

Finfinnee, Gurraandhala 6,2010(FBC) - Waggaa tokko keessatti yoo xiqqaate hawaasni 50% ta’u mataa dhukkubbiin ni qabama.

Namoonni 90% ta’an ammo umrii isaa keessatti yoo xiqqaate altakkaa mataa dhukkubbiin ni mudata.

Kanaafuu waa’een mataa dhukkubbii dhiiraa dhalaa; xiqqaa guddaa; adii gurraacha osoo hin jedhin namoota hundaa kan ilaallatuu fi namoonni hedduun hubannoo irratti argachuu kan barbaadanidha.

Mataa dhukkubbiin gosoota gurguddaa lamatti qoodama.

Inni tokkoffaan “Primary headache” kan jedhamu yoo ta’u, inni kun dhukkuba biraa waliin osoo wal hin qabatin ofumasaatii of danda’ee yoo mataan nama dhukkubu jechuudha.

Inni lammaffaan “ secondary headache” kan jedhamu yoo ta’u, inni kun ammoo dhibee biraa qaama keenya keessa jiruun ykn dhukkuba biraan walqabatee kan nu dhukkubuudha.

Inni lammaffaan kuni sababa dhukkuboota hedduun dhufuu waan danda’uuf mallattoo dhukkubaati malee dhukkuba ofdanda’ee miti.

Akkasumas gargaarsi godhamu dhukkuba jalqabaan jiru sanarratti waan hundaa’uuf waa’eesaa haasa’uun hubannoo addaa kennuun rakkisaadha.

Kanaaf hawaasa keessatti yeroo baayyee “ mataa dhukkubbii” jennee kan haasofnu sun harki caalu “ primary headache” waan ta’eef waa’eesaa akka armaan gaditti ilaalla.

Mataa dhukkubbii kan “primary headache” jedhamu bakka hedduutti hiramee ilaalamus warren gurguddoon sadan; ka’umsi isaanii fi mallattoon isaanii gargaarsi godhamu kan armaan gadiiti.

"Tension Headache":

Inni kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha.

Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka “paracetamol” fi kkf (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uufaa waliin walqabata.

"Migraine Headache":

Inni kun dhukkubbii mataa hamaa ta’ee namoota muraasa qofa muudatu yoo ta’u, dhukkubbiin isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha.

Mataa dhukkubbii isa armaan oliirraa adda kan isa taasisu mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba.

Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ziig zaag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa.

Dhukkubbiin isaa daqiiqaawwan ykn sa’atii muraasaaf qofa kan turuudha. Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha.

Akkuma dhuunfaa keenyaatti waan nutti kaasu beeknee irraa fagaachuu qabna.

Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisuu dide hospitaala deemnee qoricha ogeeyyii yaalaan ajajamu fudhachuu qabna.

“Cluster Headache”:

Inni kun mataa keenya bakka lamatti qoodee gam tokko ykn bitaa ykn mirga qofa kan dhukkubu yoo ta’u gama dhukkubu sanaan ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu fi funyaan cufuudhaan adda ta’a.

Dhukkubbiin isaa garmalee hamaa fi kanneen armaan olii lamaan kan caaludha.

Yoo jalqabu suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaa dhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha.

Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko irriba keessaallee nama kaasa.

Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamnedha. Kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan ni darba jedhu.

Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu.

Maddi; Dooktar Gurmeessaa Hinkoosaa(Irra deebiin kan maxxanfame)