Qabxiilee ajaa’iboo 15n onnee keenyaa

Finfinnee, Gurraandhala 14,2010(FBC) – Bara jireenya keenyatti onneen keenya si’a biiliyoona 2.5 akka dhahatu beektuu?

Dhugaawwanii fi dhimmoonni ajaa’iboo jennes kunooti;

1. Onneen keenya giraama 283.5 ulfaata.

2. Guyyaatti si’a kuma 100 ol dhahata. Namoonni umriin isaanii 70 fi sanaa ol ta’e bara jireenya isaanitti si’a biiliyoona 2.5 dhahatti.

3. Ujummoowwan dhiigaa onnee keenyaa maayila kuma 60 kiilomeetira kuma 96 fi 560 dheeratu. Osoo diriirfamanii addunyaa tana si’a lama ni naanna’u.

4. Jiddu galeessan onneen keenya dhiiga barmeela miiliyoona 1 ol raabsia.

5. Sochii qaamaa guutuu taasisuu dhabuun rakkoo onneef nu saaxila.

6. Kolfi hoormoonota dhiphinaa sirreessuuf ni gargaara.Waldaan Onnee Ameerikaa fayyummaa onneef kolfii fi gammachuun barbaachisaadha jedhan.

7. Maashaan onnee diriiree kottoonfachuuf (dhahannaa onnee kan jennuun) sakandii 0.8 itti fudhata.

8. Ho’inni qaamaa, afuurri hanqachuu, haqqifannaan, dhukkubbiin laphee, afaanii fi maashaan miilaa dhukkubsannaa onnee muul’isuu danda’a.

9. Dhiitaan miilaa fi harkaa onneen keenya akka dhibame muul’isuu danda’a.

10. Onneen keenya hojii yammuu dhaabu qaamni keenya bishaan kuusuu jalqaba. Faanni miilaa fi barruun harkaa akka dhiita’u taasisa. Kopheen isinitti ta’aa ture tasa yoo isinitti dhiphatee dhukkuba onnee ta’uu malaatii mana yaalaa deemaa.

11. Steecheeskoop yeroo jalqabaaf bara 1816 kan hojjete Dooktara Faransaay Reenii Laawneek ture.

Sanaan dura dooktaroonni dhahannaa onnee ilaaluuf laphee dhukkubsataatti gurra isaanii siqsanii dhaggeeffatu ture.

Steecheeskooppiin amma ogeeyyin yaalaa itti fayyadaman bara 1851 akka hojjetame ragaalen ni muul’isu.

12. Bara ijoollummaa aartuu fi dallantuu ta’uun umrii keenya boodaa keessatti fayyaa onnee keenyarratti dhiibbaa qabaata.

Qorattoonni Yunvarsiitii Toroontoo daa’imman maatin isaanii mana hidhaa jiran dhibee onneef saaxilamoo akka ta’an kaasu.

Hoormoononni dhiphinaa baay’inaan akka maddan taasisuun dhibee onneef akka saaxilamnu nu taasisa.

13. Haxxiffachuun mallattoo onneen dhahannaa dhaabuu miti.

Hedduu keenya biratti yoo haxxiffannu dhahannaan onnee keenyaa akka dhaabbatutti amanna. Garuu dhugaarraa kan fagaate.

Sanatti waan amannuuf, “irraa hafi” waliin jenna; saayinsiin garuu kan hin fudhatu.

14. Akka qaama keenya biroo onneen keenya yammuu dhibamu of yaaluuf hin socho’u.

Kanaafi dhibee onneef yaalli hataattamaa ni barbbaachisa kan jedhamuuf.

15. Qorattoonni onnee miidhame haaromsuu fi jijjiiruuf yaalaa jiru; amma ammaatti milkaa’uu baatanis.

Maddi; www.menshealth.com/