Rakkoo fayyaa aaruu fi dhiphachuun dhufu

Finfinnee,Bitootessa 3,2010(FBC)- Miirri aarii fi dhiphinaa nama hunda mudachuu danda’a.

Garuu humnaa ol aaruu fi dhiphachuun faayidaa hin qabaatu.

Jireenya keessatti wayiin aaruu yookin waa guuttachuuf dhiphachuu malla.

Kana jechuun rakkoo fayyaa qabna jechuu miti. Garuu akkuma dammuu yoo baay’atu ni hadhaa’a jedhamu sana ta’a.

Lameenuu dhibee fayyaa kan ta’an to’annoon ol (osoo nuti hin to’atin yoo nu to’atedha) yoo ta’anidha.

Aaridhaan waan hin mallee, jarjarree murteessuu waan dandeenyuf jireenya keenya keessatti dogoggora cimaa raawwachuu dandeenya.

Aariin, miidhaa;

A.Maatii diiguu mala.
B.walitti dhufeenya namoota waliin qabnu laaffisa.
C.Rakkoo fayyaa akka dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa, garaachaa, dhiphachuu fi firriba dhabuuf nu saaxiluu mala

D.Ilaalcha namootni nuuf qaban gadi buusuu mala.
E.Dirree hojii irratti bu’a dhabeessa nu taasisa.
F.Ofitti amanamummaa keenya gadi buusa.

Aarii to'achuuf;

Osoo gara tarkaanfii kamiittuu hin deemin; maaltu akka nu aarsu, maalif akka aarru, aariin rakkinicha hiikuu akka muluu fi hin dandeenye baruu qabna.

Waan/ nama nu aarse sana biraa deemuu, waan nu irraanfachiisu yaaduu,hojjechuu (lakkofsa 1 hanga 20 tti lakkaa’uu), afuura dadhabbii baafachuu(deep breath) fi hiriyoota waliin mari'achuun gaaridha.

Dhiphachuun ammoo rakkoo fayyaa;

1.Bubuqqa'uu rifeensaa fi molaa'uu,

2.Dhukkubbii mataa, hirriiba dhabuu fi mukaa'uu,

3.Dhiphinni baay'ee fi yeroo dheeraa;dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba onneef nama saaxila.

4.Dhukkuba asmii warra qaban itti hammeessuu danda'a.

5.Dhukkuba garaachaa namati fiduu fi warra qaban ammoo itti jabeessuu danda'a.

6.Warra durbaa irratti jijjiirama marsaa laguu(xurii), warra dhiiraa ammoo hira'achuu ga’umsa wal-qunnamtii saalaa(impotence) fi fedhiin wal-qunnamtii saalaa hira'achuu uumamuu mala.

7.Afaan goguu fi madaa hidhii irratti bahuuf sababa ta'uus danda'a.

8.Sababa tokko malee qaama(foon) keessa nama nyanyaachuu(dhukkubuu), lapheerra nama dhukkubuu, dhukkubbii dugdaa fi dadhabbii garmalee namootni rakkatan namoota yeroo baay'ee dhiphatanidha.

9.Dallanuu, hojiif kaka'uumsa dhabuu, xiyyeeffannaa dhabuu fi tasgabii dhabuu.

10. Araada hin barbaachifneef nama saaxila. Namarraa akka of qooduun; kophummaa akka filannu nu taasisa.

Kanaaf garmalee aarunis garmalee dhiphachuunis bu'aa hin qabani.

 

 

Maddi; Dooktar Hiikaa fi Dooktar Yonaa