Umurii dullumaatti maashaan dhibuun ‘narvii’ waliin wal-qabata: qorattoota

Finfinnee, Bitootessa 4, 2010 (FBC) Qorattoonni akka jedhanitti namoonni wayita dulloomaa adeeman maashaan isaanii hir’ataa adeemuunsaa hir’achuu ‘narvii’ waliin wal qabata.

Qorannoo namoota 168 irratti geggeffameen qorattoonni kunniin umurii 75 irratti ‘narviiwwan’ miillaa dhibbantaa 30 akka hir’isan bira ga’aniiru.

Kun ammoo maashaan akka badu godha; haata’u malee, atleetonni jajjaboo carraa ‘narviinsaanii’ deebi’ee wal-qabachuu caalaa qabu.

Qorattoonni kunniin qorannoo isaanii kana ‘Joornaalii Fiisiyoolojii’ irratti baasaniiru.

Namoonni dulloomaa wayita deeman maashaan miillaa isaanii xiqqaachaa fi dadhabaa adeema; sochii kan akka darbii ba’uu fi barcuma irraa ka’uu dadhabuufis nama ga’a.

Kun waan hunduma irratti raawwatudha; haata’u malee, maalif akka kun ta’e guutummaatti hin-baramne.

Yuunivarsitii Maanchistar Metiropolitan irraa Piroofeesar Jamii Maakfee akka jedhanitti dargaggoonni ‘narviiwwan’ sochii miillaa too’atan 60-70,000 qabu.

Haata’u malee, qorannoon isaanii kun umurii dullumaatti baay’inni kun akka jijjiiramu mul’isa.

‘Narviiwwan’ maashaa kana qaban nihir’atu- dhibbantaa 30-60.

Maashaawwan kunniin socho’uuf ‘siistama narvii’ irraa ergaan sirrii isaan qaqqabuu qaba.

Gareen qorannoo Yuunivarsitii Metropolitan Maanchistar irraa kun qorattoota Yuunivarsitii Waterloo, Ontario fi Yuunivarsitii Maanchistar waliin hojjate.

Maashaa MRI (magnetic resonance imaging)n ilaaluun, sochii ‘elektirikaa’ maashaa keessaa galmeessuun lakkoofsa fi hamma ‘narvilee’ jiranii tilmaamaniiru.

Oduun gaarii maashaawwan fayya-buleessi ittisa qabu: ‘narviiwwan’ jiran dameewwan isaanii haaraa bal’isuun maashaawwan ni-oolchu, akka isaan hin-badnes nitaasisu.

Kun ammoo namoota gaheessa maashaa guddaa fi fayya buleessa qaban irratti raawwata, Piroofeesar McPhee akka jedhetti.

Umuriin wayita dabalaa deemutti ‘narviin’ hir’isaa deemuu gidduu fi maashaa gidduu walitt-dhufeenyi jiru beekamuu baatus, waa’ee maashaan hir’achuu baruun qorattoonni haalicha gara-fuula duraatti jijjiiruu (reverse) akka danda’an gargaara.

Madda: http://www.bbc.com