Wiirtuun Wal’aansaa Kaansarii Yuunivarsitii Haramayaa meeshaalee guuttachaa jira

Finfinnee, Ebila 2, 2010 (FBC)- Wiirtuu Wal’aansaa Kaansarii Yuunivarsitii Haramayaatti ijaarameef hojiin meeshaalee wal’aansaa dhaabuu xumuramuusaa Kolleejiin Saayinsii Wal’aansa Fayyaa yuunivarsitichaa beeksiseera.

Daayirektarri Olaanaa Kolleejichaa Doktar Yaadataa Dasee Faanaa Biroodkaastiing Korporeetitti akka himanitti wiirtuchaaf meeshaalee dhaabbatan keessaa meeshaan wal’aansa carrallaa ni-argama.

Meeshaan kun baasii Doolaara miliyoona 3.5 ol kan itti-ba’e ta’uu fi hojiin dhaabuu isaa hojjatamaa akka jiru Doktar Yaadataan himaniiru.

Meeshaa wal’aansaa carallaa kanas hojii jalqabsiisuuf adeemsi meeshaalee hafan alaa fichisiisuu jalqabamuusaa kolleejichi beeksiseera.

Wiirtuchi hanga Waxabajjii 30tti hojii akka jalqabu gochuuf hojilee hafan garanumaa xumuruuf carraaqiin taasifamaa kan jiru ta’uu Daayirektarri Olaanaa kun beeksisaniiru. Zufaan Kaasaahuntu gabaase.