Ootiizimii

Finfinnee, Caamsaa 2,2010(FBC)- Dhibeen ootiizimii rakkoo guddinaa fi dagaagina narvii sammuutin dhufa.

Dhibichi umrii daa’imummaa irraa kaasee kan mudatu yammuu ta’u, daa’imman dhibee kanaan qabaman rakkoo hariiroo nama biraa wajjin uumuu, rakkoo haasa’uu, dubbachuu fi amala waa irra deddeeb’uu agarsiisu.

Mallattoo dhibee ootiizimii;

Guddinnii fi dagaaginni isaa duubatti deebi’uu,

Daa’imman dhibee kanaan qabaman, dandeettii dura of harkatti galfatan deebi’anii dadhabuu. Fkn jecha waamuu danda’e, deebi’ee dadhabuu.

Wanta barbaadanitti dandeettii quba qabuu dhabuu, ykn mallattoon agarsiisu dadhabuu.

Dafanii dubbachuu ykn dandeettii dubbachuu horachuu dadhabuu.

Haala hawaasummaa keessatti haala adda ta’een hirmachuu. Garmaalee jeequu ykn callisuu agarsiisu.

Hiriyaa horachuu dadhabuu,walumaa galattii dadhabina walitti dhufeenya hawaasummaa qabu. Yeroo taphatanis qofaa taphachuu filatu.

Dandeettii fuula irraa miira namaa dubbisuu dhabuu.Fkn gammachuu,aarii fi gadda namoota itti hiiqanii beekuuf ni rakkatu. Yeroo baay’ee kallattiin ija keessa nama hin ilaalan. Maatiin ijoollee kanaa al baay’ee nabeekayyuu hin se’u jedhu.

Ijoolleen ootiizimii qaban yeroo namni itti bu’amu ykn nama qaama isaaniitti bu’u hin jaalatan. Yeroo kana garmalee dheekkamu,boo’u.

Yeroo baay’ee filannoo adda ta’e cichaan /irra deddeebiin hojjechuu.Ijoolleen kun yeroo baay’ee wantoota ofirraa akka geengoo naanna’anii fi bifa ifaa qaban filatu.Fkn nyaata gosa tokko haala murtaa’aa ta’een nyaachuuu fiilmii gosa tokkoo meeshaa ittiin taphatan, haala ittiin rafan, karaa deemanii iddoo tokko itti ga’an illee tokko filatanii isuma irra deddeeb’u.

Sochii qaama adda ta’e kan faayidaa hin qabne irra deddeebiin godhu. Fkn harka facaasuu,mataa raasuu ,quba hodhuu,irra deddeebiin ofirra naanna’uu.

Ijoolleen kun rakkoo miiraa ni qabu. Fkn sagalee xiqqoo ol ka’aan isaan jeequu, tuqaatii xiqqoon isaan maraachuu ykn akka waan qaamni isaanii adoodaa ta’ee rukuttaa dandadamachuu,ho’a gar malee dandamachuu.

Darbee darbee amala of miidhuu gogaa ofii kutuu,mataa ofii waatti rukutuu.

Maqaa isaanitiif deebii kennuu dhabuu. Gaafa waamaman awwaachuu dhiisuu.

Simannaa ho’aa,urursaa jibbuu ykn qofaa filachuu.

Taphoota akkeessuu (qooda qoodan ) taphachuu dadhabuu.

Miidhaa fi eeggannoo(complications);

Dandeettii waabaruu fi jireenya of danda’aa qabaachuu ijoollee kanaa ni miidha. Sababa kanaan maatiin jireenya idilee ijoollee kana wayyeessuuf to’annaa fi gargaarsa gochuuf ni dirqamu.

Dhibee gaggabdootif (seizure) nama saaxila.

Dhibee faalama vaayirasii fi baakteeriyaaf saaxilamoodha.

Ijoollen kun hawaasa keessatti akka namoota addaatti waan ilaalamaniif loogiin garagaraa irra ni ga’a.

Hiraarsa qaamaa fi dirqisiifamanii gudeedamuuf saaxilamoodha.

Qaama isaanii waatti rukutuu,rifeensa fi gogaa isaanii buqqisuu,of ciniinuun qaama ofii miidhaa garagaraatiif saaxiluu danda’u.

Furmaata;

Ijoollen kun dandeettiin waa baruu isaanii duubatti harkifataa waan ta’eef, barnoota idilee hordofuun isaanitti jabaadha.

Ta’us barnoota ogummaa garagaraa yeroon yoo argatan dandeettii jireenya of danda’aa jiraachuu akka horatanii fi hariiroo hawaasummaa foyya’aa ta’e akka qabaatan gochuun ni danda’ama.

Kanaaf maatiin ijoollee ofii mallattoo aramaan olii agarsiisan manatti itti cufuu dhiisanii yeroon gara mana yaalaa geessuun gorsa ogeessa argachuu feesisa.

Gorsi; Dooktar Daawwit