Bowwoo mataa loomii fi soogiddaan wal’aanuu

Finfinnee, Caamsaa 3, 2010 (FBC) -Mataa bowwuu cimaan (maayigreen) addunyaa keenyarratti namoota baay’eef yaaddoo akka ta’e himama.

Dhiphinni, dawaa sammuu adoochan fayyadamuu, hanqinni nyaataa, wal-madaaluu dhabuu hoormoonotaa fi rakkoo cinaa dawaa ka’umsa dhibee kanaa akka ta’an eerama.

Dhibeen kun hiddoonni gara-garaa sammuu keenya keessaa wayita guddatanii fi dhiita’an uumama.

Hiddoonni kunniin dhiita’uunsaanii ammoo narvoonni naannoo sana jiran waantota qabiyyee gara-garaa qaban akka facaasan taasisa.

Waantonni gadhiifaman kunniin ammoo miira sammuun keenya dhukkubaaf qabu akka dabalu taasisu.

Mataa bowwuun irra deddeebi’ee ka’uu fi gidduutti boqonnaa namaa laatu mallattoo Maayigireenii jalqabaati.

Dhukkubichi suutuma suuta hammaachaa kan deemu yammuu ta’u, irribaa yammuu kaanu ittumaa cima taanaan sadarkaa dhukkubbii hamaarra ga’uusaa mul’isa.

Dhibeen Maayigireenii sadarkaa olaanaarra yammuu ga’u guyya guyyaan dawaa fudhachuun dirqama ta’uu danda’a.

Dhibeen kun sadarkaa kanarra osoo hinga’in duras ta’e dhukkubiisaa hir’isuuf akka filannootti loomii fi soogidda wal-makanii dhuguun minitii sadii keessatti jijjiirama arguu akka dandeessisu weeb saayitiin ‘Health Life Land’ dubbistootaaf dhiheesseera.

Makaa kanaaf kan barbaachisan soogidda daakame, cuunfaa loomii fi qola loomiiti jedheera.

Soogiddi dhiphina balleessuun gammachuun akka nutti dhaga’amu kan godhu hoormoonii Serootooniin jedhamu oomishisaa akka dabalu taasisa.

Dhiphinni dhibee mataa bowwuu (Maayigreeniif) ka’umsa ta’uun wal-qabatee namoonni tokko tokko soogidda afaanitti naqachuun afaan keessatti qabachuu dhukkubicharraa aara galfachuuf itti-fayyadamu.

Cuunfaa loomii lamaa, qola loomii daakame soogidda fal’aana lama waliin walitti makuun bakka qabanaa’aa tursuun bishaan hamma tokko waliin walitti makuun dhuguun dhukkubbii kanarraa minitii sadii gidduutti akka boqonnu gargaara jedheera.

Makaan kun hangam kan hadhaa’u ta’us miidhaa dhibichi namarraan ga’u waan hincaalleef mee yaalaa jedheera weeb saayitichi.

Haata’u malee, dhibee dhiigi ol ka’uu hamaa yoo qabdu ta’e soogiddi dhibicha ittumaa cimsuu waan danda’uuf makaa amaan olitti eerame kana yoo hinfudhanne gorfama.
Maddi:www.healthylifeland.com