Arraabduu rifeensaa

Finfinnee, Caamsaa 7,2010(FBC) – Arraabduun rifeensaa(alopecia) maali?

Dhumuun/bubuqqa’uun rifeensa mataa, haphachuu rifeensaa irraa kaasee hanga molachuutti deemuu kan danda’udha.
 
Maalirraan namatti dhufa?
 
Dhiphina sammuutiin kan dhufu;
 
1/Kunis yeroo baay’ee haalota garaagaraatiin namootni dhiphatan dhumuu/bubuqqa’uu rifeensa mataatiif ni saaxilamu.
 
2/Fakkeenyaaf:- Namoota yeroo dheeraadhaaf dhukkubsatan
Miidhaa qoricha fudhatamu irraan kan dhufu (drug side effects)
Mallattoolee dhukkuba biraa (fkn:- Dhibee xannacha Taayirooyidii, hir’ina Pirootiinii fi Aayiranii).
 
3/Fangasii buqqee mataa hubu (Tinea capitis);
Ittistuun qaama keenya (Immunity) nutti deebi’uun bubuqqa’uu rifeensaa fidu (Qaaqee jedhamuun kan beekamu ykn ‘Alopecia areata’)
 
4/Miidhama rifeensa mataa irra ga’uun (fkn:- ho’a guddaa, keemikaalota garagaraa dibachuu, humnaan harkifamuu/ micciiramuu rifeensa mataa).
 
5/Dhalootaan kan namaaf kenname, yeroo umuriin dabalaa adeemu (dhiiraaf) rifeensi mataa haphachaa fi dhumaa adeemuu (moluu).
 
Yaala
 
Yaaliin dhumuu/bubuqqa’uu rifeensa mataa kunis kan inni kennamu, waanta bubuqqa’uu sana fide irratti hundaa’uuni.
 
Fakkeenyaaf kan Fangasii (Tinea capitis)’n dhufu, qoricha fangasii kana balleessu (kan liqimfamu ykn dibatamu) fudhachuun dabalataanis ‘shaampuu’ dhaan rifeensa ofii dhiqachuun yaaluun ni danda’ama.
 
Ittisa
 
Wantoota dhibee kana fidan tokkoo tokko ittisuun ni danda’ama:-
Isaanis:-
1.Dhiphina sammuu hir’isuun,
 
2.Nyaata madaalamaa soorachuun,
 
3.Wantoota bareedinaaf rifeensa mataa irratti godhaman haalan ilaalanii fayyadamuu,
 
4.Qoricha dhibee kana fidan dhaabuu fi qoricha biratti jijjiiruu,
 
5.Kan fangasiin dhufu immoo qulqullina rifeensa mataa eeggachuu, kafana mataa fi filaa rifeensa mataa nama biraa waliin fayyadamuu dhiisuu.
 
 
Maddi: Dr. Dhiinsaa