Dhukkubni saree dhibamtee( rabies) ....

Finfinnee, Adoolessa 5,2010(FBC) - Dhukkubni saree dhibamtee (rabies) akkamiin namatti darba?

Dhukkubni kun kan vaayirasiidhan dhufu yeroo ta'u, irra caalan saree maraatten yeroo ciniinnaman kan gorora saree sana keessaan gara namaatti darbudha.

Innis sirna narvii walakkeessaa miidhuun, sammuun akka dhiita'u gochuun, mallattoo gara garaatiin mul'ata.

Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti (WHO), waggaa tokko keessatti namoonni 60,000 ol ta'an akka dhibee kanaan du'an ibsa. Kunis harka dhibba keessaa 99% kan saree maraatuun ciniinamani.

Vaayrasiin kun ciniinnaaa yookin hanqooqqaa bineensota manaa fi daggalaa kan akka adurree, sa'a, re'ee, farda, wangoo, illeentii, sinbira halkanii, qamalee, jaldeessa fi kkf namatti darbuu danda'a.

Mallattoolee duraa;

1. Hoo'ina qaamaa,
2. Dadhabbii qaamaa,
3. Waraansa qaamaa,
4. Gubaa lafa madaa ciniinnaa,

Gosa hamaa dhibichaa,

1. Hirriba dhabuu,
2. Sodaan namatti dhaga'amuu,
3. Of wal'aaluu,
4. Gororuu (hancufni afaan keessaa gadi yaa'uu)
5. Waa liqimsuu dadhabuu fi
6. Bishaan sodaachuu

Kan nafa laamshessus, qaama namaa dadhabsiisuun akka namni sun of wal'aalee lubbuun darbu taasisa.

Yaala

Yoo dafnee akkuma ciniinnamneen gara mana yaalaa deemuun yaala arganne ni fayyina.

Erga turee taanan garuu, sammuu seenee harka dhibba keessaa dhibba lubbuu namaa dabarsa.

Ittisa
1. Talaallii dhibee kanaa duursanii fudhachuun (kunis gara daggalaa yeroo baay'ee nama deemu fi nama lafa dhibeen kun itti baay'atu jiraatuuf)
2. Horii manaa talaalchisuu
3. Sareen ykn horiin manaa bakkee ooluurraa eeguu
4. Bineensa daggalaa irraa of eeggachuu fi
5. Saree amala haaraa agarsiiftu, kan nama ciniinuuf fiigdu (kan dur amala akkanaa hin qabne amma fiddeef), kan hancufa gadi yaastu fi eegee buustu dafanii beeksisuu fi ofirraa fageessuu.