Ityoophiyaan yaa’ii “Fine coffee” keessummeessufi

Finfinnee, Amajjii 3,2009(FBC) – Ityoophiyaan yaa’ii haala gabaa mijaawaa buna Ityoophiyaaf uumu; “ Fine coffee” Gurraandhala 8 – 10,2009 keessummeessufi.

Yaa’ichi “ Fooyya’iinsi invastimantii fi oomishti indaastirii buna Afrikaaf” mata duree jedhuun akka gaggeeffamu Ministeerri Indaastirii beeksiseera.

Ityoophiyaan amma barbaaddu damicharraa fayyadamaa jiraachuu baattus, sharafti alaa bunarraa argattu 26% qabata.

Ministir di’eetaan Ministeera Daldalaa obbo Ayyanaa Zawdee, kgt 2ffaatti ,buna toonii kuma 300 fi kuma 2 fi 560 gabaa alaatti erguuf karoorri qabameera jedhan.

Kunis galiin bunarraa argamu Doolaara Ameerikaa biiliyoona 2 akka qaqqabu taasisas jedhan.

Barana buna toonii 244 gabaa alaatti erguuf akka karoorfame ibsanii, yaa’ii kanarratti warreen buna bitan waan argamaniif beeksisuufis ta’e muuxannoo qooddachuuf ga’ee ol’aanaa akka gumaachu ibsameera .

Maddi: Tajaajila Oduu Ityoophiyaa