Naannichatti dargaggoonni kuma 8 ol hojii albuuda oomishuu irratti bobba’an

Finfinnee, Bitootessa 08, 2009 (FBC) Naannoo Oromiyaatti dargaggoonni kuma 8 ol hojii albuuda oomishuu irratti bobba’uunsaanii ibsame.

Dargaggoonni damee albuudaa mootummaan mijeesse Shawaa Bahaa, Godina Arsii fi Bishooftuutti gurmaa’aniiti hojiitti kan seenan.

Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii naannichaa Obbo Habtaamuu Haayilamikaa’el Faanaa Biroodkaastiing Korporeetitti akka himanitti hojii damee oomisha albuudaa mootummaan naannichaa Mootummaa Federaalaa waliin wal-tumsuun mijeesse kana dargaggoonni kunniin torban darbe jalqabniiru.

Warshaa simmintootiif galtee kan harkaa fuudhan dhaabbileen kan akka Darbaa fi Daangootee dargaggoota kanneeniif maashinarii oomishaa dhiheessuusaanii hoggantichi ibsaniiru.

Haala kanaan wayita ammaa naannichatti konistiraakshinii, qonnaa, omisha fi dameelee gara-garaa kaaninis dargaggoota miliyoona 1.2f carraa hojii uumuuf hojiin adda baasuu uummata hirmaachise hojjatamaa jira jedhaniiru Obbo Habtaamuun.

Hojii adda baasuu kanaanis hanga yoonaa dargaggoonni kuma 900 ol adda ba’aniiru jedhan.

Carraa hojii uumuu dargaggootaaf fandii al-kallattii Mootummaa Federaalaan ramadame Birrii biliyoona 3.4 malee naannichis Birrii biliyoona 3.2 ramadee socho’aa akka jiru eeraniiru. Taarik Addunyaatu gabaase.