Elektiriika Jibuutii fi Sudaanitti gurguramerraa Doolaarri miiliyoona 49 ol argameera

Finfinnee, Caamsaa 10,2009(FBC) –Ji’oottan kurnan darbanitti gurgurtaa elektirikaarraa Birriin biiliyoonni 3.867 walitti qabamuusaa Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Elektirikaa ibse.

Daayreektarri dhimmoota koominikeeshinii ministeerichaa obbo Bizunah Tolchaan akka ibsanitti, maallaqichi kan argame gurgurtaa elektiriikaa biyya keessaa fi alaaf dhiyaate irraayi.

Bara baajataa 2009 ji’oottan kurnan darbanitti gurgurtaa biyyya keessaa fi alaarraa Birrii biiliyoona 4.705 walitti qabuun yaadamee, 3.867 walitti qabuun danda’ameeras jedhan.

Kana keessaa Doolaarri Ameerikaa 49,400,826.37 kan argame elektiriika Jibuutii fi Sudaanif gurguramerraayi.