Briitaaniyaan deeggarsa daldala Ityoophiyaaf taasistu Paawundii miiliyoona dhibba 2tti guddiste

Finfinnee, Sadaasa 1,2010(FBC)-Briitaaniyaan daldala Ityoophiyaaf deeggarsa taasistu gara Paawundii Ingiliiz miiliyoona dhibba 2tti guddiste.

Barreessaan olaanaa Daldala Idil Addunyaa Briitaaniyaa Dooktar Liyaam Fooks Ityoophiyaa fi Briitaaniyaan hariiroo daldalaa isaanii guddisuuf deeggarsa faaynaansii ekispoortiif Briitaaniyaan taasistu dachaadhan guddisuushee ifoomsaniiru.

Dooktar Fooks kana kan jedhan jila daldalaa Briitaaniyaa waliin Ityoophiyaa wayita daawwatanitti.

Bara Faranjootaa 2015 hariiroon daldalaa biyyoota lamaanii Birrii biiliyoona 15.4 ta’ee galmaa’era.

Deeggarsi ammaa kun kan duraarra caalmaa Birrii biiliyoona 3.5 akka qabus eerameera.

Maallaqichis deeggarsa dhaabbilee Briitaaniyaa oomisha isaanii gara Ityoophiyaatti erganii fi lammiilee oomisha sana bitanii fi fayyadamaniif kan oolu.

Dooktar Fooks Daandii Xiyyaara Ityoophiyaa kan daawwatan yammuu ta’u, lammiilee 1500f carraa hojii uume Warshaa Kophee Piitaards ebbisanii bananiiru.

Muummee ministiraa Haaylamaariyaam Dassaalanyii fi ministiroota kaan waliinis kan mari’atan yammuu ta’u, dhaabbileen Briitaaniyaa Ityoophiyaatti invast akka godhan ni deeggarrra jedhaniiru.

Maddi:www.gov.uk