Ityoophiyaan Booyiing 777 Freeytars 4 bituuf ajajje

Finfinnee, Sadaasa 5,2010(FBC)-Daandin Qilleensa Ityoophiyaa Booyiing 777 Freeytars afur bituuf ajaje.

Xiyyaaronni arfan Doolaara biiliyoona 1.3 baasu.

Waliigaltichi xiyyaarota lamaan agarsiisa daandii qilleensaa Paariisirratti Waxabajjii keessa irra ga’ames ni hamata.

Ajajni bittaa xiyyaarotaa kun har’a agarsiisa daandii qilleensaa Duubaayitti gaggeeffamaa jirurratti kan ibsame.

Hoji raawwachiisan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldaa Gabramaariyaam ajajni bittaa ammaa kun humna daandichaa dabaluu malee xiyyaarota bakka buusuu miti jedhan.

Xiyyaaronni bittaan isaanii ajajame kanneenis bara Faranjootaa 2018 amma 2019tti gara Ityoophiyaa kan galan ta’a.

Amma ammaatti Ityoophiyaan Booyiing 777 Freeytars 6 qabdi.

Maddi; https://www.flightglobal.com