Gabaan ji’aa Gabaa Oomisha Itiyoophiyaa Birrii biliyoona 4.4 ga’eera

Finfinnee, Amajjii 3, 2010 (FBC) Gabaan Oomisha Itiyoophiyaa baatii Mudde 2010tti oomishaalee toonii 105, 208 Birrii biliyoona 4.4tti baasan daldalsiisuusaa ibse.

Gabaan oomishichaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen gabaa baatichaa waliigalaa keessaa Saliixni hamaaan dhibbantaa 63 fi gatii gabaa dhibbantaa 50 qabatee adda- duree ta’eera.

Gabaan saliixaa kan baatii darbee waliin wal-bira wayita qabamu gatiin dhibbantaa 17 akkasumas hamman dhibbataa 24 caalmaa agarsiiseera.

Gatiin gabaa oomishichaa baatii darbe kan itti-gurguramerra dhibbantaa 6n caalmaa agarsiiseera.

Baatii Muddeetti buna toonii kuma 29 ol Birrii biliyoona 2.05 daldalchiiseera.

Kan baatii darbee waliin wal-bira wayita qabamus daldalli bunaa hammaan dhibbantaa 24 fi gatiin dhibbantaa 29 dabalata akka galmeessise Gabaan Oomishaa eereera.

Gatiin bunaa baatii darberra dhibbantaa 3.7n, waggaa darbeerras dhibbantaa 4 caalmaa agarsiiseera.