Agarsiisni abaaboo, fudraa fi mudraa idil addunyaa Finfinneetti gaggeeffamuufi

Finfinnee, Amajjii 4,2010(FBC)- Agarsiisni abaaboo, fudraa fi mudraa idil addunyaa baatii dhuftu keessa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuufi.

Waldaan Ergitoota Oomisha Hoortiikaalchara Ityoophiyaa agarsiisicha ilaalchisee ibsa laaten akka beeksisetti, dhaabbileen biyya keessaa fi alaa 120 ta’an waltajjicharratti ni hirmaatu.

Dabalataanis dhiyeessitoonni galteewwanii, gorsitoonni, bittoonnii fi qooda fudhattoonni ni hirmaatu jedheera.

Agarsiisa kanarratti hirmaattonni Awustiraaliyaa, Jaappaan, Ameerikaa, Kooriyaa Kibbaa, Awrooppaa, Baha Jiddugaleessaa, Afrikaarraa dabalatee biyyoota 40 olirraa ni argamu.

Waltajjichi damichaan Ityoophiaatti kan bobba’an jajjabeessuu fi muuxannoo dabalataa akka horataniif haala gaarii uuma jedhameera.

Mootummaanis invastimantichaaf karoora qabu dhaabbilee jajjaboof kan itti beeksifatu ta’a.