Dhaabbileen biyya alaa 4 paarkii indaastirii Kombolchaatti hojii jalqabuufi

Finfinnee, Gurraandhala 5,2010(FBC)-Dhaabbileen biyya alaa 4 paarkii indaastirii Kombolchaatti bobba’uuf dhaabbii maashinaa gaggeessaa jiru.

Qindeessaan proojaktii paarkichaa obbo Azmaraaw Dajan dhaabbileen biyya alaa gara paarkichaa galaa jiraachuu himaniiru.

Amma ammaattis dhaabbileen Kooriyaa Kibbaa, Chaayinaa, Xaaliyaanii fi Ameerikaa paarkichatti hojii eegaluuf Fulbaanarraa kaasee maashinoota dhaabaa jiru.

Dhaabbanni Kooriyaa Kibbaa Puung Kuuk boorsaa, dhaabbanni Chaayinaa Saayteeks kirroota huccuun, Traabaayitiin Ameerikaa uffannaa guutuu dhiirotaan, Kaarviikoo Xaaliyaan uffannaa ispoortiin addunyaarratti beekamoodha.

Dhaabbii maashinaa xumuranii bara kana hojiitti akka galanis obbo Azmaraaw himaniiru.

Humna guutudhaan hojii wayita jalqaban, dabaree lamaan lammiilee kuma 20f carraa hojii ni uumun eegama.

Sheedonni paarkicha keessatti ijaarraman xumuramanii kireeffamuuf qophaa’aniiru.

Paarkin indaastirii Kombolchaa baasii Doolaara miiliyoona 90 oliin Adoolessa 2009 ebbifamuun ni yaadatama.

Maddi; TOI