Baatiiwwan 6n darbanitti buna toonii 133,818 Birrii biiliyoona 9 bichisiifameera

Finfinnee, Gurraandhala 6,2010(FBC) –Gabaan Oomishaalee Ityoophiyaa baatiiwwan 6n darbanitti buna toonii 133,818 Birrii biiliyoona 9n walbichisiisera.

Gabaa waliigalaa kanaan bunni %42 kan qabatu yammuu ta’u, gatiidhanis %62n duursa.

Gabaan kunis yeroo walfakkaataa darberra daballii %22 akka qabu ibsameera.

Gabaa bunaa keessaa %82 alaaf kan dhiyaate.

Kanaan alas saliixii tooniin 166,691 Birrii biiliyoona 5.2n walbichisiifameera.

Gabaan kun yeroo walfakkaataa darberra ammeentadhaan %42n, daballii gatiitin %114 agarsiisera.

Hoji gaggeessaa olaanan koorporeet koominikeeshinii Gabaa Oomishaalee Ityoophiyaa obbo Natsaannat Tasfaayen baatiiwwan 6n darbanitti gabaarrattis ta’e oomishaaleerratti fooyyen muul’ateera jedhan.

Wiirtun gabaa Finfinnee qofarra jiru gara Hawaasaa, Humaraa fi Naqamteetti akka babal’atu, gabaa elektirooniiksii banuuf qophaa’uu himaniiru.

Adaamaa, Jimmaa fi Goondarittis wiirtuuwwan dabalataa banuuf hojjetamaa jira.

Amma dameewwan 21, mankuusaawwan 60 kan qabu yammuu ta’u, Bulee Horaatti banuuf hojjetamaa jira.