Itiyoophiyaan yaa’ii federeeshinichaa qopheessuu akka dandeessu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 30,2010(FBC)- Preezdaant Dooktar Mulaatuu Tashoomaa fi Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoon Daayreektara Federeeshinii Daldalaa fi Dameewwanii Addunyaa waliin mari’atan.

Federeeshinichi waggaa lama lamaan yaa’iisaa kan gaggeessu yammuu ta’u, kan baranaa isa 12ffaa qopheessuuf Ityoophiyaa, Keeniyaa, Emmireetonni Araba Gamtoomanii fi Iiraan dorgomaa jiru.

Baahireenii fi Oomaan dura dorgommicha keessa jiraatanis amma dorgommichaan ala ta’aniiru.

Preezdaant Mulaatuun daayreektaricha; Antoonii Paarkis waliin yammuu mari’atanitti Ityoophiyaan ulaagaalee barbaachisaa ta’an kan akka galma walga’ii guddaa, iddoo boqannaa keessummootaa hoteelota, nageenya, simannaa fi keessummeessa ga’aa taasisuuf muuxannoo ga’aa waliin akka qabdu kaasaniiru.

Dooktar Warqinahis Itiyoophiyaan waltajjiiwwan jajjabaa akkanaa qopheessuuf muuxannoo fi ga’umsa akka qabdu ibsan.

Waldaan Daldalaa fi Dameewwanii Itiyoophiyaa dhaabbata cimaa ta’uu kaasanii, amma miseensota ciccimoo hawaasa daldalaa 300,000 ol akka qabu eeraniiru.

Waldichi hariiron inni Federeeshinii Daldalaa fi Dameewwanii Addunyaa waliin qabus cimaa ta’uu kaasan.