Roohiitoo Faarmaasiitikaal Ityoophiyaatti 'invast' gochuu barbaada

Finfinnee, Bitootessa 4,2010(FBC)-Dhaabbanni Jaappaan Roohiitoo Faarmaasiitikaal Ityoophiyaatti 'invast' gochuu akka barbaadu hime.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Akliiluu Haaylamikaa’eel hoggantoota dhaabbatichaa waajjira isaaniitti simatanii haasofsiisaniiru.

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti oomishaalee dawaa kunuunsa fayyaa gogaa fi ijaarratti bobba’uu  barbaada.

Mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu ministir deetichi eeraniiru.

Hojichaaf humni nama baratee, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa, carraan gabaa fi dhiyeessiin anniisaa jiraachuus ibsaniiru.

'Paarkin Indaastirii' hojii oomisha dawaaleef ta’us Qilinxootti ijaaramaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbatichi damichaarratti bobba’uun fedhii biyya keessaa guutuu fi sharafa alaa hambisuurratti ga’ee kan qabaatu ta’uu Waajjira Odu-himaa Ministeera Dhimma Alaa irraa odeeffanneerra.