Afrikaatti gabaa bilisaa uumuuf waliigalame

Finfinnee, Bitootessa 12,2010(FBC)- Hoggantoonni Afrikaa gabaa bilisaa aardichatti uumuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigalteen mallattaa’e hariiroo daldalaa biyyoota Afrikaa jidduutti kan cimsu ta’uun itti abdatameera.

Waliigalteen gabaa bilisaa kun har’a Kiigaalii Ruwaandaatti Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 44n mallatteeffameera.

Gabaa bilisaa biyyoota Afrikaa jidduutti uumuun diinagdeedhan walitti hidhuun, ajandaa Gamtaan Afrikaa 2063 milkeessuuf qabate keessaa tokko.

Gabaan bilisaa diinagdee, indaastirii, bu’uuraalee misoomaa fi daldala biyyoota Afrikaa cimsaan itti abdatameera.

Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoon Ityoophiyaan milkaa’ina waliigaltichaaf kan hojjettu ta’uu himaniiru.

Gabaa bilisaa kana uumuuf hoggantoonni Afrikaa bara Faranjootaa 2012 waliigalanis, mariin isaa bara Faranjootaa 2015 eegalameti har'a kan mallatteeffame.

Gabaan bilisichaa biyyoota gamtichaatti ummata biiliyoona 1.2, oomisha waliigalaa Doolaara Ameerikaa triiliyoona 2 hammachuu dandeessisa.