Baatiiwwan saddeet darbanitti oomisha bunaa alatti ergame irraa Doolaarri miliyoona 481 argameera

Finfinnee, Ebila 5, 2010 (FBC) Abbaan-taayitaa Bunaa fi Shaayii ala-ergii oomisha bunaa irraa galiin Doolaara miliyoona 400 fi miliyoona 81 ol argamuusaa hime.

Abbaan-taayitichaa galii isaa kan argate baatiiwwan saddeet darbanitti Buna toonii kuma 100 fi kuma 37 fi 414 ol gara biyyoota alaa gara-garaatti erguuni.

Kunis abbaan-taayitichaaf erguuf kan karoorfate keessaa dhibbantaa 101.55 raawwachuun danda’amuu ibsamneera.

Itti-aanaa Daayirektarri olaanaa Abbaa-taayitichaa fi hogganaan Damee gabaa Obbo Shaafii Umar Faanaa Bitoodkaastiing Korporeetitti akka himanitti, oomishi bunaa barana gara alaatti ergame kan waggaa darbee yeroo wal-fakkaataa waliin wal-bira wayita qabamu hammaan toonii 24,583, galiin ammoo miliyoona 47 fi kuma 500 fi kuma 70n caalmaa qaba.

Biyyoonni oomishi bunaa kun itti-ergamu 50 ol ta’uusaanii kan himan obbo shaafiin kannneen guguddoo 10 : Saawud arabiyaa, jarman, Ameerikaa Kaabaa, Beeljiyam, Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa, Xaaliyaanii, Faransaay, Sudaanii fi Ingiliziidha. Sarkaalam Geetaachootu gabaase.