Liqaan guddachuu fi hanqinni sharafa alaa mudachuun dhaabbileen misoomaa akka gurguraman murteessiseera- Dr Yinnaagar Dasee

Finfinnee, Waxabajjii 4,2010(FBC) - Dhiibbaan liqaa sadarkaa olaanaarra ga'uu fi oomishaalee alaa galfamaniif hanqinni sharafaa mudachuun, mootummaan dhaabbilee misoomaa aksiyoonan akka gurguru isa taasiseera jedhe Koomiishiniin Plaanii Biyyoolessaa.

Koreen hoji raawwachiistuu ADWUI torbee darbe murteewwan jajjabaa dabarse keessaa dhaabbilee misoomaa mootummaa akka hoteelotaa, warshaalee sukkaaraa, baabura, paarkota indaastirii fi indaastirii oomishaa guutummaan yookin gariin gurgurtaa aksiyoonatiin dhuunfaaf dabarsuuf murteessun isaa ni yaadatama.

Dhaabbilee akka Iityoo Teelekoom, Daandii Xiyyaara Ityoophiyaa, humna elektirikaa, geejibaa fi loojastiiksii galaanaa keessaa mootummaan ga'ee jabaa qabachuun, aksiyoona hafe abbootii qabeenyatiif dabarsuuf murteessun isaa sirriidha jedhan koomiishinarri Koomiishinii Plaanii Biyyoolessaa Dooktar Yinnaagar Dasee.

Murteen kun ammoo diinagdeen biyyaa daldala alaatin laafuu fi hanqinni sharafa alaa mudachuurraa ka'a jedhaniiru.

Galiin oomishaalee alatti ergamanirraa argame jiddugaleessan Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 irratti yoo dhaabbatu, oomishaalee alaa galchuuf baasiin ba'u garuu jiddugaleessan Doolaara biiliyoona 16 fi 17 irra qaqqabeera.

Kun ammoo biyyattiin diinagdee fayyaa akka qabaattu ishee hin taasisne. Kanarraa kan ka'e biyyattiin dhiibbaa liqaa keessa akka galtu taasiseera.

Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa dhiibbaan liqaa Ityoophiyaa jiddugaleessarraa gara olaanaatti akka ce'ee fi ammeentan liqaa ishees oomisha waliigalaa waggaarraa %59 qabachuu ibsa.

Haata'uutii mootummaan liqaan biyyattii sadarkaa olaanaarra ga'eeran yoo itti himamu, fudhachuu dideet ture.

Liqaan biyyattiirra jiru Doolaara Ameerikaa biiliyoona 26 caalera. Kun ammoo abbootiin qabeenyaa akka hin dhufnee fi amantaa akka hin horanne taasisa jedhan Dooktar Yinnaagar.

Biyyattiin waggoottan lamaan itti aananitti liqaa kaffaluuf Doolaara Ameerikaa biiliyoona 6, proojaktoota mootummaa waggoota lamaaf hojjechuuf ammoo biiliyoona 7 barbaada.

Boba'aa fi shaqaxoota alaa galchuun ammoo sharafa alaa gar malee gaafata.

Liqaan warshaalee sukkaaratiif fudhataman oomishatti osoo hin galin, yeroon kaffaltii isaanii ga'eera.

Waggoottan darban kuusaan sharafa alaa qabachuuf Ityoophiyaan carraaqqiin taasiste dansaa ta'us, gatantara keessa turte keessaa ba'uuf dhaabbilee misoomaa jajjaboo guutummaa fi gariidhan ga'ee isaanii dhuunfadhaaf dabarsuuf murteessuun yeroosaa kan eeggate jedhan.

Tarkaanfii kanaan waaradhaan diinagdee biyyattii utubuuf daldala alaa fi alergii guddisuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Kaasaayee Waldeetu gabaase.