Galiin damee mi’eessituu irraa argamaa jiru waggaatti giddu-galeessaan Doolaara miliyoona 21 hin-caalu

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2010 (FBC) Itiyoophiyaan qabeenya mi’eessituun badhaatuu taatus, galiin damicha irraa argattu waggaatti giddu-galeessaan Doolaara miliyoona 21 hin-caalu.

Addunyaa irra mi’eessituu biqiltuuwwan akaakuu 109 fi mi’eessituu qindaa’eeffaman akaakuu 600tu jiru. Itiyoophiyaan kanneen keessaa oomisha kanaaf mijattuu waan taatee fi haala qilleensaa qonnaaf mijatu waan qabduuf biqiltuuwwan mi’eessituu akaakuu 63 oomishuu dandeessi. Haata’u malee, yeroo ammaa akka biyyaatti oomishamaa kanneen jiran garuu 23 kan hin-caalledha. Isaan keessaa mi’eessituuwwan akaakuu ja’a gara alaatti erguuf karoorri qabameera.

Biyyoota akka Hindii keessatti garuu fakkeenyaaf sadarkaa kaampaanii tokkoon galiin hanga Doolaara miliyoona 240 kan argamu yoo ta’u, galiin Itiyoophiyaan akka biyyaatti argattu garuu giddu-galeessaan Doolaara miliyoona 21 darbuu hin-dandeenye.

Piroojaktii Tumsa fi Guddina Daldalaa Itiyoophiyaa fi Hoolaanditti Qindeessaan Piroojaktii Oomishaalee Mi’eessituu Obbo Addisuu Alamaayyoo rakkooleen galiin kun akka hir’atu godhan hedduun akka jiran eeraniiru. Oomishni kun faayidaa dinagdee osoo qabuu naannolee mi’eessituu oomishanitti hanga yoonaa caasaan fi gurmaa’insi hanga qonnaan-bulaa ga’u akka hin-jirre muummeedhaan kaasaniiru. Kana malees, qonnan-bulaan mi’eessituu yeroo oomishu teeknoolojii fi sanyii filatamaan deggaramee akka hin-taane eeranii, dhaabbatni sanyii filatamaa mi’eessituu fi farra-ilbiisaa dhiheessu akka hin-jirre eeraniiru. Dabalataanis, qulqullummaa oomishaatti rakkoo kana ta’e aflaatoksiiniin, akkasumas adeemsa gabaa keessatti dallaalonni seeraan-alaa baay’achuun galiin damicha irraaa argamu akka hir’atu waantota godhan keessaatti kan eeraman ta’uu himaniiru. Sababoota kanneeniin bakki oomishni mi’eessituu Itiyoophiyaa itti-ergamu biyyoota ollaa qulqullummaa oomishaatiif iddoo guddaa hin-kennine Sudaan, Jibuutii fi Somaaliyaa ce’uu akka hin-dandeenye himaniiru.

Obbo Addisuun yeroo ammaa garuu hojileen rakkoolee damee mi’eessituu furuu dandeessisan hojjatamaa akka jiran himanii, kana keessaa namoota teeknoolojii fi yaad-rimee kalaqaa haaraa qaban maallaqaan deggaruun hojjachuun jalqabamuu himaniiru. Mootummaa fi qooda-fudhattoonnis kanaa olitti, keessumaa oomishni mi’eessituu sirna qonnaa fi hordoffiin akka deggaramu hojjachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Abbaan-taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa gama isaan damichi akka hin-guddannee fi rakkoolee eeramaniif ka’umsi tilmaama xiqqoo oomishichaa kenname ta’uu ibseera. Dursituun Garee Hordoffii fi Too’annaa Mi’eessituu abbaa-taayitichaa Aadde Gannet Tufaa akka jedhanitti, damichi lamilee hedduuf carraa hojii kan uumuu ta’uu fi faayidaa dinagdee guddaa akka qabu ibsanii, xiyyeeffannoon garuu dhowwatamuu isaa himaniiru. Rakkoon damichaa dhiheessii sanyii filatamaa fi galtee waliin wal-qabatee mul’atus, wiirtuuleen qorannoo mootummaan hundeeffaman qixa eegamuun damicha waan hin-deggerreef kan uumame ta’uu ibsaniiru. Kana malees, abbaan-qabeenyaa misooma mi’eessituu kana irratti akka hirmaatuuf jajjabeessuu irratti qaawwan akka jiru eeraniiniiru. Kanaafis, abbaan-taayitichaa abbootii-qabeenyaa hawwachuuf hojii hubannoo qabsiisuu, walumaagalatti damee mi’eessituu guddisuuf caasaa sadarkaa gareetti jiru abbaa-taayitichaa sadarkaa daayirektaraatti guddisuun bal’inaan hojjachuuf yaaduusaa eeraniiru.

Oomisha mi’eessituu ji’oota 10 darbanitti gara alaatti ergame irraa Doolaarri miliyoona 9.8 qofti argamuusaa odeeffannoon abbaa-taayiticha irraa arganne eereera.

Beetaliheem Xigaabuu