Eertiraatti bilbiluuf odeeffannoon barbaachisu ifoome

Finfinnee, Adoolessa 3,2010(FBC)- Iityoo Teelekoom bilbila gara Eertiraatti bilbilamuuf odeeffannoo barbaachisu ifoomsera.

Dhaabbatichi FBCtti akka himetti, bilbila idilee fi sochootuurratti bilbiluuf vaatii dabalatee daqiiqatti Birrii 10 fi saantima 29n tajaajila argachuun ni danda'ama.

Bilbila idilee gara Eertiraatti bilbiluuf +291 1, bilbila sochootuurratti ammoo +291 7 duursuun lakkoofsa bilbilaa itti aansuun tajaajila argachuun ni danda'ama jedheera.

Qunnamtiin bilbilaa Ityoophiyaa fi Eertiraa bara 1990 jalqabee kan adda cite yammuu ta'u, waggaa 20n booda daawwii hojii muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Eertiraatti taasisaniin tajaajilichi irra deebidhaan eegalameera.