Ji’a 11tti Doolaarri biliyoonni 2.5 argame

Finfinnee, Adoolessa 03,2010(FBC)-Bara baajata 2010 ji’oottan 11tti daldala alaa irraa doolaarri Ameerikaa 2.5 argamuu Miniisteerri Daldalaa beeksiise.

Kana keessaa Doolaarri biliyoona 1.9 kan argame oomisha qonnaa irraayi.

Damee oomishaa irraa Doolaarri miliyoona 415 kan argame yoo ta’u, bara darbe irraa Doolaara miliyoona 53 caalmaa qaba.

Oomisha albuudaa irraa Doolaarri miliyoona 119 kan argame yommuu ta’u, kan bara darbee yeroo walfakkaatuu irraa Dooolaara miliyoona 71 hir’atee jira.