Chaampiyans Liigii KKMA: Qiddus Giyoorgis ramaddii gareef darbuusaa mirkaneesse

Finfinnee, Bitootessa 10, 2009 (FBC) Qiddus Giyoorgis ramaddii garee Chaampiyans Liigii KKMAtiif darbuusaa mirkaneesseera.

Kilaba Koongoo AC Liyoopaardis waliin tapha deebi Isteediyamii Finfinnee irratti kan taphate Qiddus Giyoorgis 2 fi 0n injifachuu danda’eera.

Kanaanis qabxii waliigalaa 3 fi 0n injifachuun gareewwan dhumaa 16 Chaampiyans Liigichaatti makamuusaa mirkaneesseera.

Gooliiwwan kanneen Saalaaddiin Sayid daqiiqaa 16ffaa fi 91ffaa irratti lakkoofsiseerra.

Qiddus Giyoorgis gara rammaddii kanaatti darbuusaatiif Doolaara Ameerikaa kuma 500 kuma 50 akka argatu himameera.

Tapha gulaallii Chaampiyans Liigii Afriikaa Totaal 2017 Kilaba Siisheels Kotidi’ooriin injifachuun gara moo’anii darbuutti kan darbe Qiddus Giyoorgis, AC Liyopaardsiin torban darbe Magaalaa Doliiseetti 1 fi 0n injifachuunsaa kan yaadatamudha.