Gareen Waaliyaa gulaallii Dorgommii ‘CHAN’ 2018f Jibuutii waliin taphataa jiru

Finfinnee, Adoolessa 08, 2009 (FBC) Gareen Waaliyaa gulaallii Waancaa Afriikaa ‘CHAN’ 2018f taphi har’a Jibuutii waliin taphatan jalqabameera.

Taphi jalqabaa Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi gitasaa Jibuutii kun Isteediyamii El Hajiitti geggeffamaa jira.

Gareen Waaliyaa tapha gulaallii dorgommii ‘CHAN’ taphattoota biyyaa keessaa qofaan geggeffamu Keeniyaan bara 2018itti qophaa’u kan taphatan Waaliyaawwan torban dhufu Isteediyamii Biyyoolessaa Hawaasaa irratti Jibuutii waliin tapha deebii nitaphatu.

 ‘FIFA’n dhorkaa kubbaa miillaa Sudaan irra kaa’ee ture kaleessa kaasuunsaa kan yaadatamudha.

Haala kanaan Itiyoophiyaan Jibuutii yoo injifatte ga’anii deebi’uun moo’ataa Burundii fi Sudaan waliin taphatti.

Itiyoophiyaan ga’anii deebi’uun Jibuutiin yoo ijifatamte si’a sadaffaaf carraa dorgommii CHAN irratti hirmaachuu nidhabdi.

Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Jibuutii yeroo dhumaaf kan waliin taphatan A.L.A 2009 Naayiroobii irratti yoo ta’u Itiyoophiyaan Jibuutii 5 fi 0n injifachunshee kan yaadatamudha.

Bara 2016tti Jibuutiin carraaqiin dorgommii ‘CHAN’ irratti hirmaachuuf taasifte marsaa jalqabaan fashalaa’eera.

Jibuutiin wayita sana tapha ga’anii deebi’uun Burundiin 4 fi 1n injifatamtee dorgommichaan ala taateetti.