Ityoophiyaan shaampiyoonaa atleetiksii dargaggoota addunyaatin sadarkaa 5ffaa qabachuun xumurte

Finfinnee, Adoolessa 10,2009(FBC)- Ityoophiyaan shaampiyoonaa atleetiksii umrii 18 gadiitin meedaaliyaa 12n sadarkaa 5ffaa qabachuun xumurte.

Guyyoota 5f Keeniyaa Naayroobiitti gaggeeffamaa kan ture dorgommichi, kaleessa xumurasaa argateera.

Ityoophiyaan warqee 4, birrii 3 fi maaldaa 5n; ida’amaan meedaaliyaa 12 guurrachuun addunyaarraa sadarkaa 5ffaa qabachuun xumurteetti.

Afrikaan Kibbaa warqee 5, birrii 3 fi maaldaa 2n; ida’amaan meedaaliyaa 10n 1ffaa ba’uun xumurteetti.

Chaayinaa fi Kuubaan qixa warqee 5 fi birrii 2 kan argatan yammuu ta’u, Chaayinaan maaldaa 4, Kuubaan ammoo maaldaa 1 argachuun duraa duuban 2ffaa fi 3ffaa ba’aniiru.

Keeniyaan warqee 4, birrii 7 fi maaldaa 4; ida’amaan meedaaliyaa 15 guurrachuun sadarkaa 4ffaa ba’uun xumurteetti.

Atleetonni biyyoota 159 irraa walitti babba’an kuma 2 ol ta’an shaampiyoonaa atleetiksii addunyaa umrii 18 gadii 10ffaa kanarratti hirmaataniiru.

Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommiiwwan gosoota addaddaa 6n dhiironni 12 fi shamarran 11, ida’amaan atleetonni 23 irratti hirmaataniiru.