Sadarkaa FIFAn ji’aan baasun Ityoophiyaan 16 fooyyessite

Finfinnee, Hagayya 4, 2009 (FBC) – Waldaan Kubbaa Miillaa Addunyaa FIFAn sadarkaa ji’aan baasun Ityoophiyaan addunyaarraa sadarkaa 120ffaarra teessetti.

Braaziil sadarkaa dura turterraa 1 fooyyessuun 1ffaa, Jarman sadarkaa ji'a darbe irra turte 1ffaarraa mucucaachuun 2ffaa, Arjantiinaan isuma qabatte 3ffaarra teessetti.

Ityoophiyaan sadarkaa dhaabbatichi laatun Bitootessa 104, Ebila 124, Caamsaa 124, Waxabajjii 125, Adoolessa 136 qabattee kan turte yammuu ta’u, baatii kana sadarkaa 16 fooyyessuun 120ffaarra teessetti.

Sadarkaan kunis Afrikaarraa 35ffaarra ishee kaa’a.

Afrikaarraa Gibts, Demokraatiik Riippabliik Koongoo fi Senegaal 1ffaadhaa amma 3ffaa qabataniiru.

Tuuniiziyaa, Kaameruun, Naayjeeriyaa, Burkiinaa Faassoo, Aljeeriyaa, Gaanaa fi Koot Diivwaar ammoo 4ffaadhaa amma 10ffaa kan jirurra taa’aniiru.

Maddi; CAF