Shaampiyoonichaan atleetonni Ityoophiyaa meetira kuma 5n ni eegamu

Finfinnee, Hagayya 6,2009(FBC)-Shaampiyoonaa atleetiksii addunyaa 16ffaa magaalaa Landanitti gaggeeffamaa jiruun har’a atleetonni Ityoophiyaa xumura meetira kuma 5 ni eegamu.

Dorgommiin meetira kuma 5 atleetonni dhiiraa Ityoophiyaanonni irratti hirmaatan kun, har’a galgala sa’aa 4:20rratti gaggeeffama.

Yoomiif Qajeelchaa, Muktaar Edriisii fi Solomoon Baaraggaan Ityoophiyaa kan bakka bu’an ta’a.

Dorgommiin atleetonni Ityoophiyaa lammii Ingiliiz Moo Faaraah waliin gaggeessanis hawwiidhan kan eegamu ta’a.

Dorgommii calallii meetira kuma 5 Roobii gaggeeffameen, ramaddii 1ffaa keessaa Yoomiif Qajeelchaa 1ffaa, Moo Faaraah 2ffaa, Muktaar Edriis ammoo maaykiroo sakandootan duurfamee 3ffaa ba’uun ni yaadatama.

Ramaddii 2ffaa keessaa Solomoon Baaraggaa 1ffaa ba’uun xumuraaf darbeera.

Kaleessa galgala dorgommiin gufachoo meetira kuma 3 kan gaggeeffame yammuu ta’u, xumuraaf darbanii kan turan Iteenash Diroo fi Burtukaan Fantee keessaa kan hirmaate Iteenash turte. Haata’uutii isheenuu 7ffaa ba’uun xumurte.

Dorgommiin shaampiyoonichaa har’a guyyaa 9ffaasaa qabateera.

Amma ammaattis Ityoophiyaan warqee 1 fi birrii 2 argatteetti.