Xiruunash Dibaabaa Maaraatoonii Chikaagoo injifatte

Finfinnee, Fulbaana 29, 2010 (FBC) Maaraatooniin Chikaagoo baranaa guyyaa kaleessaa geggeffameera.

Dorgommii atleetonni baay’ee irratti hirmaatan kana ramaddii dubartootaan Atleet Xiruunash Dibaabaa injifateetti.

Xiruunash fageenya kana sa’aatii 2 daqiiqaa 18 sakandii 31 waliin xumuruuni kan moo’achuu dandeesse.

Atleetiin Keeniyaa Birigiid Koosgee sa’aatii 2 daqiiqaa 20 sakandiiu 22 waliin seenuun lammaffaa wayita baatu, Atleetiin Ameerikaa Joordaan Haasaay sakandiiwwan 35 booddeetti hafuun sadaffaa irratti xumurteetti.

Ramaddii dhiirotaan ammoo Atleetiin Keeniyaa Gaalan Ruup sa’aatii 2 daqiiqaa o9 sakandii 20 waliin seenuun injifateera.

Atleetonni Keeniyaa Kirooy fi Barnard Kipyagoo ammoo lammaffaa fi sadaffaa ta’uun xumuraniiru.

Madda: chicagotribune.com